Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa jirti

Adoolessa 28/2018 (ENA): Itoophiyaan karoora anniisaa niwukilaraa humna ibsaa maddisiisuudhaaf qabduun walsimsiisuun bu’uura danbii fi seeraa idil-addunyaa cimsaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Itoophiyaa wixinee dambii iddoowwan niwukilaraa irratti dhaabbilee mootummaa, waldaalee ogummaa fi qooda fudhattoota biroo waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.


 

Itoophiyaan anniisaa niwukilaraa kaayyoo nagaa fi madda humna ibsaatiif fayyadamuu akka qabdu ifatti Ejensii Inarjii Atoomikii Idil-addunyaatiif erga ifatti beeksistee asitti sirna danbii cimsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Solomoon Geetaachoo ibsaniiru.

Adeemsa kana keessatti ijaarsi dandeettii humna namaa, bu’uuraalee seeraa fi danbiiwwan qopheessuu, buufata fialachuu fi sirna inspeekshinii fi raawwachiisummaa akkaataa ulaagaa idil-addunyaatiin qophaa’aa jira jedhan.

Wixineen dambii kun ulaagaalee dhaabbilee niwukilaraa bakka itti hundeessan, eegumsa nageenya naannoo fi hawaasaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee fi deebii hatattamaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.


 

Abbaan taayitichaa Komishinii to’annoo Niwukilaraa Ameerikaa (USNRC), dhaabbata to’annoo Raashiyaa (Rostechnadzor) fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ijaarsa dandeettii fi tumsa ogummaa gaggeessaa jira jedhan.

Marii kanarratti galteewwan qooda fudhattoota irraa walitti qabaman wixinee dambii kana fooyyessuu fi raggaasisuuf bu’uura ta’uun kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015