CNN Dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa irratti - ENA Afaan Oromoo
CNN Dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa Itoophiyaa irratti
Chaanaaliin televijiinii beekamaan CNN akka gabaasetti Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa pirojektii guddaa biyyoota naannichaa Itoophiyaan ala jiran keessatti anniisaan fayyadaa jiraachuu gabaasa isaan ibseera.
Hidhichi lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’amaniif ifa akka fides hubachiisee jira.
Gaazexeessituu CNN kan taate Viktooriyaa Rubaadaariin gara Gubaa imaluun gabaasa dhugummaa Hidhichaa dhiyeessiteetti.
Ogeeyyiin injinariinjii fi ogeeyyiin ijaarsaa kumaatamaan lakkaa'aman naannoo gogaa kana gara hidha guddaa Afrikaatti jijjiiruu isaanii ibsiteetti.
Hidhichi agarsiisa gahumsa injinariinjii ta'uu ibsiteetti.
Hidhi Haaromsaa ijaarsa waggaa 14 booda akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2025 baatii Fulbaanaa eebbifamuu isaa himteetti.
Hidhichi faayinaansii mootummaa, boondii fi filannoowwan faayinaansii biyya keessaa adda addaatiin dandeettii Itoophiyaanotaan kan ijaarame ta’uu ibsiteetti.
Hidhi guddaan kun lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amaniif ifa kennuu qofa osoo hin taane, biyyoota ollaatiif ibsaa ni kenna.
Hidhichi Itoophiyaa bira darbee bu’aa dinagdee guddaa kan qabaatu ta’uus, wiirtuu walitti hidhamiinsa humna naannolee fi bakka turistii ta’ee kan tajaajilu ta’uu himteetti.
Hojii Gaggeessaa olaanaa Piroojektii Hidha Guddicha Itoophiyaa kan Injiinar Kiflee Hooroon dhiyeessuun CNN akka gabaasetti, Itiyoophiyaan hidha kana haala biyyoota yaa’a gadii hin miineen fayyadamaa jirti jedha.
Injinar Kifleenis hidhichi dhiyeessii bishaanii hir’isee jira jechuun Masriin kan himattu dubbii sobaa bu’uura kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 6 ta’an humna tarbaayinoota Hidha Haaromsaa 13 maddisiisan irraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Hidhichi Itoophiyaa bira darbee Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaaf humna ibsaa kennuu akka danda’e, gara fuulduraattis humna Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaatti gurguruuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Akkasumas odolawwan Hidha Haaromsaa hara Nigaat irratti uumaman turizimiidhaaf carraa guddaa akka qaban eeruun, gara fuulduraattis bu’uuraaleen misoomaa akka bakka turistiitti tajaajilaniif kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.