Dhimmi Hulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaati waan ta’eef gaaffii deebii argachuu qabudha- Dr. Biraanuu Leenjisoo - ENA Afaan Oromoo
Dhimmi Hulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaati waan ta’eef gaaffii deebii argachuu qabudha- Dr. Biraanuu Leenjisoo
Adoolessa 28/2018(ENA): Dhimmi Hulaa Galaanaa dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaati waan ta’eef gaaffii deebii argachuu qabu akka ta’e Hayyuun Saayinsii Hawaasaa Dooktar Biraanuu himani.
Hulaan Galaanaa eenyummaa fi seenaa Itoophiyaa ibsuu keessatti gahee guddaa kan qabudha malee dhimma yeroo gabaabaa akka hin taane Dooktar Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin ibsaniiru.
Dooktar Biraanuun akka himanitti, Itoophiyaa ammayyaa keessatti walitti dhufeenyi biyyattiin hulaa Galaanaa waliin qabdu baay'ee cimaa dha jedhani.
Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itoophiyaan dhiheesitu dhimma seenaa, fayyadamummaa waloo fi bu'aan isaa damdaneessa ta'edha jedhaniiru
Akkasumas, seenaa fi eenyummaa biyyattii ibsuu, daldala addunyaa irratti hirmaachuu fi tarsiimoo Ji’oo-politiikaa keessatti dhimmi Galaanaa wantoota ijoo ta'an keessaa tokkodha jedhani.
Humna guddaa Rijiinii Baha Afriikaa kanaa kan taate Itoophiyaan, Galaana irratti nageenya kabachiisuu fi shoororkeessummaa ittisuu keessatti gahee guddaa taphatti jedhaniru.
Dhimmi Hulaa Galaanaa fedhii paartii yookiin mootummaa tokkoo qofa osoo hin taane, dantaa biyyaalessaa lammiilee hundaa waan ta’eef, karaa nagaa, diippiloomaasii fi seera addunyaa hordofuudhaan gaaffii kana deebisuun barbaachisaa ta'uu Dooktar Biraanuu Leenjisoo dubbataniira.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti Hulaa Galaanaa ishee kabachiisuuf aarsaa guddaa kaffalaa kan turte ta’uu kan ibsan hayyuun kun, walitti bu’iinsawwan seenaa keessatti uumaman baay’een isaanii dantaa Hulaa Galaanaa waliin kan walqabatanidha jedhaniiru.
Bara 1993 booda adeemsa iftoomina hin qabneen karri Galaanaa Itoophiyaatti cufamuu kan ibsan Dr. Biraanuun, Mootummaan ce'umsaa yeroo sanii dantaa biyyaa dabarsee kennuun Biyya Hulaa Galaanaa irraa adda kutuu isaa himaniiru.
Itoophiyaan ummata guddaa fi Dinaagdee guddachaa jiru kan qabdu, akkasumas bishaan laga Naayil keessaa dhibbeentaa 80% Laga Abbaayyaatiin kan gumaachitu ta’us, Hulaa Galaana malee hafuun ishee rakkoo diinagdee fi tarsiimoo guddaa uumee jira jedhan.
Itoophiyaan waggaatti kaffaltii kireeffannaa buufata Jibuutiif qofa gara doolaara biliyoonan kan kaffaltu yoo ta’u, kunis baasii diinagdee baay’ee guddaa akka ta’e himaniiru.
Hulaan Galaanaa deebisanii argachuun faayidaa Diinagdee Biyyaalessaa Saffisiisuun Baasii buufata dooniif bahu hir’isuun, guddinna diinagdee akka calmaati arifachiisus himaniiru.
Akkuma Hidha Guddicha Abbaayyaa irratti ummanni tokko ta’ee hojjete, dhimmi Hulaa Galaanaas dantaa biyyaalessaa waan ta’eef mormii siyaasaa cinaatti dhiisuun tokkummaa ummataa barbaada jedhaniiru.