Haaromee - ENA Afaan Oromoo
Haaromee
Haaromeen mala Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin akka ce'umsaa hawaasa Baadiyyaa fi Magaalaa gara sirna oomishtummaa ammayyaatti ceesisuuf diriirfameedha.
Bakka humnoonni oomishtummaa walitti dhufanii sirna haaraa jalatti qindaa'anidha.
Yaadni Haaromee bu'uuraan hawaasa oomishtummaa irratti hundaa'e ijaaruu, baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhanii guddina dinagdee itti fufiinsa qabu uumuufi qonnaan bulaafi horsiisee bulaa gara oomisha gabaa irratti dorgomuu danda'utti ceesisuudha.
Haaromeen baadiyaa dameelee misooma baadiyaa Lageen, daandii qonnaa fi eegumsa naannoo keessatti gahee guddaa qaba.
Hawaasni baadiyaa sochii hawaasummaa fi dinagdeesa gaggeeffachuuf bu’uuraaleen misoomaa armaan olitti eeraman sadarkaa fi qulqullinaa isaanii eeggachuun tajaajila hawaasaaf kennuun murteessaa dha.
Faayidaaleen ijoo haaromee baadiyaa keessaa muraasni:
1. Faayidaa Dinagdee fi Qonnaa
Gabaa waliin Wal-qunnamsiisuu: Daandiilee baadiyaa haaromsuudhaan omisha qonnaan bultootaa ammayyeessuun gara gabaatiif haala salphaan akka dhiyaatu taasisa.
Badhaadhina Qonnaan Bulaa: Omishaa fi omishtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf daandiin baadiyaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroon murteessaa dha. Kanaafis koriidarri baadiyaa omishtummaa qonnaan bulaa guddisuun badaadhina mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba.
Carraa Hojii Uumuu: Haaromsa koriideraa keessatti hojiilee ijaarsaa, daandiilee, bishaanii fi misooma naannoo irratti dargaggoota baadiyaatiif carraa hojii uuma.
Carraa hojii bal'isuu, galii uummataa guddisuu, invastimantii fi indastirii babal'isuun hawaasa of danda'ee fi badhaadhina hunda galeessa ijaaruuf hojii gumaacha.
2. Faayidaa Naannoo fi Uumamaa
Biyyee fi Bishaan Eeguu: biyyeen akka hin dhiqamneef mukeen faayidaa adda addaa qaban dhaabuun naannoo kunuunsuu fi miidhagsuu keessaatti faayidaa olnaa qaba.
Haala Qilleensaa Tasgabeessuu: Misooma Koriidera Magariisaa wajjin walqabachuudhaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf gumaacha guddaa taha.
Haroowwaanii fi Laga Eeguu: Lagaa fi malkaa ammayyeessuu fi kunuunsuudhaan balfi akka keessa hin gallee fi bishaan qulqulluun akka jiraatu taasisa.
3. Faayidaa Hawaasummaa fi Tajaajila Bu'uuraa
Tajaajila Hawasaa Salphaatti Argachuu: Manni barumsaa, tajaajilli fayyaa, fi gabaan salphaatti akka dhaqqabamu taasisa.
Bishaan Qulqulluu Argachuuf: Madda bishaan baadiyaa Haaromsuun dhibeewwan bishaan irraa dhufan hir'isa.
Magaalaa fi Baadiyaa Wal-qunnamsiisuu: Garaagarummaa tajaajila bu'uuraa kan magaalaa fi baadiyaa gidduu jiru akka dhiphisu odeeffannoon Biiroo Koomunikeeshinii Oromiyaarraa argame mul’isa.