Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Ijaarsa Dinagdee Magariisaa Keessatti Gahee Olaanaa Gumaachaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Ijaarsa Dinagdee Magariisaa Keessatti Gahee Olaanaa Gumaachaa Jira
Adoolessa 27/ 2018 (ENA) : Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu bira darbee, Dinagdee magariisaa ijaaruun Itoophiyaa badhaatuu dhalootaaf dabarsuuf kan dandeessisu ta’uu isaa Akkaadamiin Gahumsa Hooggansa Afrikaa beeksise.
Duula Ashaaraa Magariisaa "Guyyaa Tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 800 Dhaabuu" jedhu kan guutuu biyyattiitti eegalame haala ho’aadhaan raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, kutaaleen hawaasaa garagaraas baay’inaan bahuudhaan ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiru.
Sagantaa inishatiivii Ministeera Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kana ka’umsa godhachuun, Akkaadamiin Gahumsa Hooggansa Afrikaa, Mana Murtii Bulchiinsaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa fi hooggantoonni, hojjettoonnii fi jiraattonni Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Manaa Abichuu mooraa akkaadamiichaa keessatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa isaanii kaa’aniiru.
Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadamii Gahumsa Hooggansa Afrikaa Dooktar Wandiyyee Laggasaa yeroo kanatti akka jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu bira darbee, Itoophiyaa badhaatuu dhaloota itti aanuuf dabarsuuf kan dandeessisudha.
Akkaadamichi yeroo ammaa hoogganaa gahumsa qabu horachuu dabalatatti, eegumsa naannoo irratti hirmaannaa cimaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Sagantaan kun Dinagdee deeggaruu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, dhiibbaa jijjiirama qilleensaitiif deebii kennuu irratti faayidaa biyyaalessaa fi addunyaalessaa olaanaa akka qabus eeraniiru.
Waliitti qaban boordii Mana Murtii Bulchiinsaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa obbo Abinnaat Zarfuu gama isaaniitiin, dhabbatichi biqiltuu dhaabuu bira darbee, biqiltoonni kunniin qabbatanii kaayyoo yaadameef akka oolan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Biyyattii keessatti badhaadhina itti fufiinsa qabu fiduuf gama Dinagdee, misoomsa magariisaa fi wabii nyaataa mirkaneessuutiin hojiileen hojjetaman tokkummaa fi haala qindoominaan raawwatamuu isaa himaniiru.
Magaalaa Shaggaritti Bulchaa Kutaa Magaalaa Manaa Abbichuu obbo Lammii Raggaasaa gama isaaniitiin, waggoota muraasa darban keessatti sagantaa ashaaraa magariisaa raawwatameen bosonaa manca’ee deebisuun akka damdaamatu ta’eera jedhaniiru.
Itti dabaluudhaanis, bineensota bosonaa godaananii turan gara bakka isaaniitti deebisuuf kan dandeessise yoo ta’u, burqituuwwan goganii turanis gabbisuun gumaacha bal’aa taasiseera jedhani.
Yeroo ammaa kana magaalattii miidhagsuuf hojiilee raawwataman keessatti hirmaannaa olaanaa hawaasni kaka'umsa isaatiin agarsiise cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy