Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina fakkeenyaa waliigaltee biyyaalessaa biqiltuu waliin walqabsiisudha - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa

Adoleessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina fakkeenyaa waliigaltee biyyaalessaa biqiltuu waliin walqabsiisudha jedhan Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaan.

Galmi biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuu ganama har'aa sa'aatii 12:00 irraa eegalee hojiirra oolaa jira.

Mari’attoonni Komishinii Marii Biyyaalessaas biqiltuu dhaabanii Ashaaraa isaanii kaa’aniiru.

Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa yeroo sana akka ibsanitti, adeemsi yaadaa fi waliigaltee dhaabuu sirna dimokiraasiitiif si’eessituudha jedhani.

Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif marii sadarkaa qaama miidhamtoonni, dubartoonni, horsiisee bultoonni, qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa hundi bakka bu’ummaa qaban irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsi kun hundi adeemsa yaada dhaabuu, wal hubannaa fi marii akka ta’es Piroofeesar Masfin ibsaniiru.

Komishinarri Olaanaan itti dabaluudhaan yaadota mariidhaan waliigalteetti geessan dhaabaa jirra jedhan.

Komishinarri Olaanaan akka jedhanitti dhaggeeffachuus babal’isaa jirra; adeemsi kun bu’uura dimokiraasii Itiyoophiyaatiif bu’uura guddaa akka ta’u abdii qaban ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuu bira darbee adeemsi marii kun gama meeshaa dhaabuu fi marii, nagaa fi misooma fiduu, akkasumas namoota walitti fiduun tokkummaa fi garaagarummaa cimsuutiin hiikkaa fakkeenyaa biqiltuu dhaabuu wajjin walfakkaatu akka qabu ibsaniiru.

Hirmaattonni guyyaa kana irratti hirmaatan kuma 4 ummata Itoophiyaa miiliyoona 130’f biqiltuu dhaabuu isaanii Komishinarri kun ibsuun, guyyaan kun ummata biyyattiif guyyaa guddaa fi seena qabeessa ta’uu dubbataniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa mata duree Abdii haa dhaabuu jedhuun gaggeeffamaa jira.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015