Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggariti milkaa'ina hojii Ashaaraa Magariisaatiin galmaa’e itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama —Dr.Tashoomaa Addunyaa

Adoolessa 27/2018 (ENA): Magaalaa Shaggaritti milkaa'ina hojiiwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin galmaa'an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa beeksisan.

Duula sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa tokkotti biqiltuu AShaaraa magariisaa miiliyoona 800 dhaabuuf gaggeeffamaa jiru irratti ummatni Bulchiinsa Magaalaa Shaggaris bal'inaan hirmaachaa jira.

Saganticharratti Kantiiban Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonni bulchiinsa Magaalattii fi kutannoowwan hawaasaa garaagaraa argamuun biqiltuu dhaabaniiru.


Kantiibaan Magaalichaa Dr.Tashoomaa Addunyaa wayita sana akka ibsanitti; Magaalaa Shaggaritti waggoottan darban hojiiwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjetamaniin bu'aawwan hedduun galmaa'aniiru.

Hojiin dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan hojjetamaa jiru miidhagina magaalattii dabaluu bira darbee, mancaatii qabeenya uumamaa ittisuuf, uwwisa bosonaa dabaluu fi madaala qilleensaa eeguu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Magaalattii keessatti milkaa'ina hojii Ashaaraa Magariisaatiin argaman kana caalaatti itti fufsiisuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamuus Kantiibaan kun dubbataniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo kan har'aatiinis bosonaaf, miidhaginaaf, nyaataaf fi tajaajila biroof kan oolan biqiltoonni garaagaraa qophaa'anii dhaabachaa akka jiran ibsaniiru.

Bulchiinsa magaalichaa kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeetti raawwatametti Aadde Laliisee Tasfaaye akka jedhanitti, waamicha Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dhiyeessan fudhatuun hojii dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachuu isaanii dubbataniiru.


 

Yeroo sadaffaaf duula biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraaf biyya dhalootaaf mijattu dabarsuuf biqiltuu dhaabaman kunuunsuudhaan gahee isaanii akka ba'atan dubbataniiru.

Dargaggoo Tasfaaye Desisaa akka jedhetti; biqiltoonni fayyaa namaa fi beeyladaaf murteessaa waan ta'aniif hojii biqiltuu dhaabuu irratti dammaqinaan akka hirmaatu isa kakaasuu isaa dubbateera.

Sagantaan dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa yeroo jalqabamee kaasee walitti fufiinsaan hirmaachaa akka jiruus dubbateera.

Dachii magariituu dhalootaaf dabarsuuf har'a biqiltuu dhaabun murteessaa ta'uu ibsuun, biqiltootaaf kunuunsa barbaachisu akka godhus mirkaneesseera.

Firoomsaa Fiqiramaaryam gama isaatiin yeroo jalqabaaf hojii biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu isaa ibsee, biqiltuu dhaabuun qilleensa qulqulluu argachuu bira darbee abdii boruu keenya kan magarisa tasisuudha jedheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015