Tamsaasa Kallatti:

Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi boruu eegumsa Uumamaan kan wal-qabsiisu Amaanaa walooti —Afa-yaa’ii Aganyoo Tashaagar

Adoolessa 27/2018 (ENA) : Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi dhaloota boruu eegumsa uumamaatiin kan walitti hidhu amaanaa walooti jechuun Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar ibsan.

Guyyaa har'aa guutuu biyyaatti duulli biqiltuu Ashaaraa Magariisaa miiliyoona 800 guyyaa tokkotti dhaabuu kan bara 2018 gaggeeffamaa akka jiru ni beekama.

Afa yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaaliittitti Ashaaraa isaanii kaa'aniiru.

Afa yaa’ichi Sagantaan Ashaaraa Magariisaa ummattoota Itoophiyaa garaa garummaa siyaasaa, Sabummaa fi amantiin olitti kaayyoo biyyaaleessa gudaa tokkoof waliin kan dhaabachiisuu fi walitti hidhu sosochii biyyaaleessaa ta'uu isaa ibsaniiru.


Dabalataanis, sagantaan kun sadarkaa addunyaatti kutannoo Itoophiyaan eegumsa naannoof qabdu kan agarsiisu fakkeenya gaarii ta'aa dhufuu isaa eeraniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofti xumura milkaa'ina sagantichaa akka hin taane kan ibsan Afa –yaa’ichi, erga dhaabamee booda biqiltoota sana sirnaan kunuunsuu, eeguu fi gara firiitti geesisuun milkaa'ina waaraa sagantichaaf murteessaa ta'uu isaa hubachiisaniiru.

Biqiltoonni dhaabaman eegamanii gara bosonaatti yoo jijjiiraman qofa kaayyoon eegumsa naannoo fi dandeettii dandamannaa jijjiirama qilleensaa yaadame milkaa'uu akka danda'u ibsaniiru.

Sagantichi duudhaa tumsaa, ida'amuu fi tokkummaa cimsuudhaan Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof kan irratti walitti qabaman waltajjii cimaa ta'uu isaa eeraniiru.


Ashaaraan Magariisaa uwwisa bosonaa bal'isuun, qabeenya uumaamaa eeguun, jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi madaala naannoo fooyyessuun gumaacha olaanaa gochuu isaa hubachiisaniiru.

Akka ibsa Afa yaa’ichaatti, Ashaaraan Magariisaa dhaloota har'aa fi dhaloota boruu eegumsa uumamaatiin kan walitti hidhu amaanaa waloo ti.

Sagantichi miira tokkummaa, ittigaafatama waloo fi hirmaannaa misoomaa Itoophiyaanotaa kan cimsu sochii biyyaaleessaa ta'uu isaa kan ibsan yoo ta’u, Lammiileen hundi biqiltuu dhaabuu qofarratti osoo hin daangeffamiin biqiltoota dhaabaman kunuunsuu fi eeguun gumaacha isaanii akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015