Tamsaasa Kallatti:

Qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsuun nuuf dabarsan nutis kunnuunsinee dhaloota dhufuuf dabarsina

Adoolessa 27/2018 (ENA) : Qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsuun nuuf dabarsan nutis kunnuunsinee dhaloota dhufuuf dabarsina jedhan jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa.

Sagantaan ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun Godinicha keessatti cimee itti fufaa jira.


 

Jiraattonni aanaa Mattuu fi Bachoos ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiru.

Mattuutti,Hojjettuun mootummaa aadde Ayinaalam Mokonnin, 'biqiltoonni har'a dhaabnu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa har'a mudate qolachuun wabii nyaataa mirkaneessuuf ni gargaara; akkasumas dhaloota itti aanuuf galaa akka ta’uuf hojjechaa jirra jedhani.

Obbo Shamsaddiin Yaasiin gama isaatiin ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aa jiraachuu dubbatan.

Haaluma wal fakkaattuun jiraataan godinichaa Alamnesh Bulaa akka jedhanitti, ashaaraa magariisaa guddina keenyaaf murteessaa ta’uu fi har’as ta’e boruu fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.


 

Kanaaf Sagantaa Dhaabbii Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu uwwisa bosona, nyaataa, fi faayidaa diinagdee dhaabaa akka jiran himaniiru.

Hogganaan Paartii Badhaadhina Godinichaa obbo Moosisaa Lammeessaa qabeenya uumamaa abbootiin keenya kunuunsanii nuuf dabarsan kunuunsuun kan dabarsinu qofa osoo hin taanee, ashaaraa keenya kaa’uun dhaloota egereef kan dabarsinu dha jedhani.

Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti, har’a sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu kuni biqiloota kaayyoo hedduu qaban miiliyoona 36 dhaabuuf hojjetamaa jiraachu himameera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015