Sagantaan Ashaaraa Magariisaa misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf meeshaa ijoodha - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf meeshaa ijoodha
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf meeshaa ijoo dha jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo.
Sagantaan biqiltuu miiliyoona 800 guyyaa tokkotti dhaabuuf qophaa'e hojjetamaa jira.
Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taagasaa Caafooashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru.
Afyaa’iin kun waggoota torban darban keessatti sagantaan ashaaraa magariisaa milkaa’inaan hojiirra ooluu isaa ibsaniiru.
Oomishtummaa qonnaa fi uwwisa bosonaa guddisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jiraachuu himaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa kun kan Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame guutuu biyyattii keessatti ummata dammaqinaan hirmaachisuun bu’aa akka argamsiise himaniiru.
Milkaa'inni guddaan ashaaraa magariisaa jalatti argame kan ummataa ta’uu hubachiisaniiru.
Sagantaan kun bara 2018 mata duree Abdii haa dhaabnu jedhuun hojiirra oolaa akka jirus eeruun, Ashaaraan Magariisaa duula qofa osoo hin taane meeshaa uumama waliin walsimsiisuun misooma itti fufiinsiifnudha jedhaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy