Sagantaan Asharaa Magariisaa qabeenya uumamaa eeguu fi Misoomsuu Keessatti galmoota gurguddoo qabaman milkeessaa jira – Pirezidaanti Taayyee AtsqaSillaasee - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Asharaa Magariisaa qabeenya uumamaa eeguu fi Misoomsuu Keessatti galmoota gurguddoo qabaman milkeessaa jira – Pirezidaanti Taayyee AtsqaSillaasee
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Asharaa Magariisaa Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu qabeenya uumamaa eeguu fi misoomsuu keessatti galmoota gurguddoo qabaman dhugoomsuuf dandeessisaa jiraachuu Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee ibsan.
Sagantaa guutuu biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu Miiliyoona 800 dhaabuuf qabatame milkeessuuf barii sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffamaa jira.
Pirezidaanti RDI Taayyee AtsqaSillaasees sagantaa kana irratti Asharaa Magariisa isaanii kaa'aniiru.
Wayita sana haasaa taasisaniin; sagantaan Asharaa Magariisaa yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra ooluu jalqabee biyyattiin galmoota waggoota hedduudhaaf karoorsite hojiitti hiikaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.
Kanaan dura manca'inni bosonaa fi qabeenya uumamaa keessattuu jijjiirama qilleensaa fi ho'a qilleensaa wajjin walqabatee biyyattii balaa hongeef deddeebi'uun saaxilaa turuu isaa yaadachiisaniiru.
Seenaa kana jijjiiruuf tarkaanfiilee murteessoo fudhataman keessaa sagantaan Asharaa Magariisaa isa guddaa ta'uu eeraniiru.
Yeroo ammaa kanatti sochiiwwan waggaa waggaadhaan gaggeeffamaniin ummatni ofii isaafi dhaloota dhufuuf jedhee biqiltuu biliyoonaan lakkaawwamu dhaabuun hojii Rikoordii addunyaa qabatu raawwachaa jira jedhaniiru.
Barana guutuu biyyaatti biqiltuu biliyoona saddeet kan dhaabamu ta'uu eeruudhaan; har'as guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuu hojiin jedhu raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.