Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa imala badhaadhinaa keessatti milkii guddaadha!
• Qaroominni bu’aa gocha tokkoo miti; akkasumas guddinni damee tokkoo qofti nu hin bocu
• Hojiin Ajandaa Magariisaa keenya duula yeroo tokkoo miti; tarkaanfii yeroo gabaabaa galma irratti xiyyeeffate miti!
• Ashaaraa Magariisaa: Kaayyoon keenya guddaan milkaa’ina guddaadha. Qaama imala badhaadhinaa fi guddina hunda galeessa akka biyyaatti qabnudha.
Ashaaraa Magariisaa; Bu'uura qaroomina biraa!
• Qaroominni qilleensa duwwaa irratti hin ijaaramu; bu’uura cimaa barbaada.
• Wanti bu’uura jabaa malee ijaarame kamiyyuu salphaatti diigama; hin turu.
• Qaroominni yeroo irra darbee jiraatu gadi fageenya isaatiin beekama. Ashaaraan Magariisaa har’aa bu’uura qaroomina hedduu keessaa isa tokko!
• Akkuma Guddina anniisaa, babal’ina industirii, ijaarsa ogummaa fi kkf ta’ee ilaalamuu danda’a.
Itti Fufiinsa Ikoo Naannoo Qaroomina Cimaaf
• Dhaabbilee ijaarsa mootummaa-mootummaa cimsan akkuma ijaarru, Gamtaa keenya cimsuuf araara fi marii biyyaalessaa irratti yeroo bobbaanu, Jijjiirama caasaa dinagdee keenyaa fiduuf damee industirii fi dijitaalaa irratti yeroo xiyyeeffannu, Biyyaa fi abbummaa hunda cimsuuf olaantummaa bulchiinsaa irratti yeroo hojjennu; Itti fufiinsa ikoloojii fiduuf ashaaraa magariisaa irratti hojjechuu qabna.
• Tokkummaan yoo hin eegamne, jijjiiramni caasaa dinagdee yoo hin raawwatamne qaroominni hin milkaa’u waan ta’eef;
• Akkuma ijaarsi mootummaa mootummaa hin cimne qaroominni hin turu; yoo itti fufiinsi ikoloojii hin dhufne qaroominni hin turu.
• Tokko yoo hir’ate qaroominni guutuu hin godhu!
Abdii dhaabuun bu'uura keenya haa jabeessinu!
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy