Ashaaraan Magariisaa Ashaaraa guddaa dhaloota keenyaati - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan Magariisaa Ashaaraa guddaa dhaloota keenyaati - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa tumsa waloon raawwatamaa jiru Ashaaraa guddaa dhaloota kanaa ta'uu isaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo har'aa irratti kutawwan hawaasaa fi dhaabbileen adda addaa magaalaattii hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.
Kan dhaabnu abdii dha, kunis badhaadhinaa fi magariisummaa Itoophiyaa kan bor dhalootaaf dabarsine kenninu abdii guddaadha jedhaniiru.
Ashaaraan Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf, wabii Midhaan Nyaataa mirkeessuu fi fayyaa eeguu keessatti gahee murteessaa akka taphatu dubbataniiru.
Biqiltuu dhaabuu bira darbee waliin kunuunsuu fi eeguun gahee fi gaafatamummaa ummata hundaati jechuun dhaamaniiru.