Sagantaan Asharaa Magariisaa Itoophiyaan Magariisummaan akka miidhagduu fi gabbinni biyyee ishee akka deebi’u taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Asharaa Magariisaa Itoophiyaan Magariisummaan akka miidhagduu fi gabbinni biyyee ishee akka deebi’u taasiseera
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Asharaa Magariisaa Itoophiyaan Magariisummaan akka miidhagduu fi gabbinni biyyee ishee akka deebi’u taasiseera jedhani Itti aanaan ministirs muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkotti miiliyoona 800 dhaabuu mata duree Abdii haa dhaabnu jedhuun guutuu Itoophiyaatti sa’aatii 12 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sagantaa dhaabbii biqiltuu miiliyoona 800 tulluu Yakkaatti dhaabaniiru.
Itti aanaan ministira muummee akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dargaggootaaf carraa hojii uumuun eegumsa naannootiin alatti hirmaannaa diinagdee isaanii akka dabalu taasiseera jedhani.
Waggoota torban darban qofa keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol dhaabamuu ibsuun, kunis biyyee Itoophiyaa dhiqama irraa baraareera jedhani.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaan magariisummaa qabaattee miidhagduu ta’uu fi biyyee dhiqama irraa akka baraaru taasiseera jedhani.
Itoophiyaa naannolee hedduutti burqaawwanii fi haroowwan badanii turan akka deebi’an dandeessiseera jedhan.
Biqiltuun har’a dhaabamaa jirus abdii dhaloota egeree, dhaloota kanarraa kan darbu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan konfiraansii COP 32 akka keessummeessitu kan filatamte keessaa tokko bu’aa olaanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti galmeessitee fi beekamtii ardii fi idil-addunyaa argatte ta’uu eeraniiru.
Konfiransichi walgahii ta’uu bira darbee hawaasni addunyaa milkaa’ina Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa qaamaan arguuf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy