Sagantaan Ashaara Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuun shoora guddaa taphachaa jira - Obbo Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Ashaara Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuun shoora guddaa taphachaa jira - Obbo Awwaluu Abdii
Adoolessa 27/2018 (ENA): Sagantaan Ashaara Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuun shoora guddaa taphachaa jiraachuu Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Itti aanaan pireezidaantii sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo mata duree "Abdii haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa jiru Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Ammaarootti eegalchiisaniiru.
Obbo Awwaluu akka himanitti, baroottan darbetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojiilee bal’aa hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoo garaa garaa argamuu isaanii ibsaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti ummaata hirmaachisuun shoora gudda bahaa jira jedhan.
Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Diidaa Guddataa gama isaaniitiin, waggaa waggaadhaan hirmaannaa uummaataan hojiin ashaaraa magariisaa raawwatamaa jiru faayidaa hedduu kan qabu waan ta’eef, caalaatti cimsuudhaaf hirmaannaa uummatni taasisu cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.
Guyyaa har’aa godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miliyoona 34 ol lafa hektaara 14,440 irratti dhaabuuf karoorfachuu himaniiru.
Sagantaa biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo har’a irratti qonnaan bulaa Aanaa Amboo Obbo Darajjee Mitikkuu yaada kennaniin, sagantaa kana milkeessuudhaaf sochii taasifamaa jiru keessatti shoora isaanii bahachuuf biqiltuu dhaabaa akka jiran dubbataniiru.
Kanaan duraas ashaaraa magariisaa irratti hirmaachaa kan turan ta’uu fi har’as duula addaatiin biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo raawwachuu isaanii kan ibsan immoo jiraattuu Aanaa Amboo haadha Sinqee Warqee Tolaasaati.
Godina Shawaa Lixaatti sagantaa biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo kana irratti uummanni miliyoona 1 ol ta’an hirmaachuu isaanii odeeffannoon Waajjira Qonnaa Godinichaa irraa argame ni agarsiisa.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy