Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa oomisha Jirbii jallisiin misoome daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa oomisha Jirbii jallisiin misoome daawwatan
Adoolessa27/2018(ENA):Pirezidaantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Omisha Jirbii Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee Ganda Galchaatti Jirbii jallisiin misoomaa jiru daawwataniiru.
Inisheetivii haaraa 33 keessaa Inisheetiviin Jirbii haaraa ta'uu kan yaadachiisan Pirezedaanti Shimallis jirbiin godinaalee Oromiyaa gara garaa lafa hektaara 1800 irratti misoomaa jiraachuus ibsaniiru.
Birmadummaa mirkaneessuuf nyaatan of danda'uu, qoricha oomishuu, waan uffatamuu oomishuun murteessaa waan ta'eef kanarratti xiyyeeffannaan hojjatamaa jiras jedhan.
Hojii kana milkeessuufis teekinooloojii yeroon barbaaduu dabalatee galteewwan garagaraarratti hojjatamaa jira jedhaniiru.