Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Waggaa Saddeet; Tarkaanfii Itti Fufiinsa Qabu!
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa cimee itti fufee jira; kutannoo ummataa fi amantaa waloomaan Itoophiyaanonni egeree magariisaa fi itti fufiinsa qabu waliin ijaaruu danda’u jedhuun kan hoogganamudha.
Har’a sagantaa dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa waggaa waggaadhaan gaggeeffamu irratti kan argamnu yoo ta’u,Itoophiyaanonni walitti dhufanii dhalootaaf biqiltuu itti fufiinsa qabu dhaabuudha.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoo fi koree biyyaalessaa COP32 waliin ta’uun imala waliinii kanaaf biqiltuu mataa keenyaa dhaabuun gumaacha gooneerra. Kaayyoo guddaa biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu galmaan gahuuf yeroo waliin hojjennu, Itoophiyaanonni guyyaa guutuu carraaqqii isaanii akka itti fufan waamichan dhiyeessa.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy