Abdii keenya dhaabuu irraa wanti nu daangessu hin jiru- Qaama miidhamtoota - ENA Afaan Oromoo
Abdii keenya dhaabuu irraa wanti nu daangessu hin jiru- Qaama miidhamtoota
Adoolessa 27/2018(ENA) : Abdii keenya dhaabuu irraa wanti nu daangessu hin jiru jechuun qaama miidhamtoonni ashaaraa magariisaa isaanii dhaabaniiru.
Guyyaa har’aa akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf bakkeewwan adda addaatti sagantaan biqiltuu dhaabuu gaggeeffamaa jira.
Godina Baalee fi Bulchiinsa Magaalaa Roobee keessatti kutaaleen hawaasaa adda addaa umurii adda addaa irratt argaman saganticha irratti hirmaachaa jiru.
Lammiilee Godina Baalee Magaalaa Roobee keessatti hirmaatan keessaa obbo Hajii Amaan jiraataa kutaa magaalaa Gobbaa ganda Caffee Horaa yoo ta’a, qaama miidhamaa deemuu hin dandeenyedha.
Haa ta’u malee qaama miidhamaa ta’uunkoo ashaaraa magariisaa abdii fi jireenya ijoolleekoo ta’e dhaabuu irraa nah in daangessu jedhani.
Sagantaan kun nama hunda walqixa akka fayyadu hubachuun hunduu dammaqinaan akka hirmaatu dhaamaniiru.
Qaama miidhamaa kan biraa obbo Jamaal Bayan waamicha biyyaalessaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessaniif deebii kennuudhaan qaama miidhamummaa isaatiin osoo hin daangeffamniin saganticha irratti hirmaachaa jiraachuu himan.
Qaama miidhamaa obbo Ahimad Jiloo isaanis qaama midhamuun ashaaraa isaanii kaahuu irraa kan isaan hin daangessine ta’uu dubbataniiru.
Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniitiin ganama barii irraa eegalee kutaaleen hawaasaa adda addaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa qaama miidhamtoonni saganticharratti hirmaatan, jiraattota biroof kaka’umsa kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Sagantaan kun godinaalee baadiyyaa gara garaa keessatti gaggeeffamaa akka jiru himameera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy