Biqiltuun abdii dha; wanti nuti dhaabaa jirru kun egeree fi abdii ijoollee keenyaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad - ENA Afaan Oromoo
Biqiltuun abdii dha; wanti nuti dhaabaa jirru kun egeree fi abdii ijoollee keenyaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad
Adoolessa 27/2018 (ENA): Biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree fi abdii egeree ijoollee keenyaati jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad.
Uummanni Itoophiyaa guutuun ganama barii irraa eegalee hirmaannaa cimaa ta’een guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf hojjechaa jira.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Yunivarsiitii Artificial Intelligence (AI) keessatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoof gaggeeffamu irratti hirmaachuun ashaaraa magariisaa isaanii kaahaniiru.
Ministirri Muummee ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin, ummanni Itoophiyaa guutuun yeroo Ganna guutuu biqiltuu dhaabuu fi jijjiirama waaraa fiduuf itti fufiinsaan hojjechaa akka ture yaadachiisaniiru.
Kaayyoon tattaaffii biyyaalessaa kanaa inni guddaan abjuu fi hawwii guddaa Itoophiyaan badhaadhaatee, jijjiiramtee, guddachuuf qabdu dhugoomsuudha.
Abjuun biyyaalessaa guddaan akkasii galma gahuu kan danda’u bu’uurri jabaan yoo kaa’ame qofa akka ta’e kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, karaa ikoloojiitiin bu’uura kaa’uun biyyee, bishaanii fi gaarreen eeguu jechuu akka ta’e ibsaniiru.
Hojiin dhaabbii biqiltuu itti fufee jiru kun invastimantii dhalootaa fi daa’imman egeree ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad, “Wanti nuti dhaabnu abdiidha, egeree ijoollee keenyaa Itoophiyaadha” jedhan.
Itti dabaluunis tumsaa fi tattaaffii walootiin kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Itoophiyaan eegumsa naannoo fi misooma magariisaa irratti hojjataa jirtu sadarkaa addunyaatti beekamtii guddaa akka argate kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, biyyoonni hedduun fakkeenyummaa fi mala Itoophiyaa hordofuuf yaalii gochaa akka jiran hubachiisaniiru.
Sababa kanaaf mootummoonni addunyaa tattaaffii Itoophiyaaf beekamtii kennuun badhaasa badhaasuu qofa osoo hin taane konfiraansii haala qilleensaa idil-addunyaa (COP 32) Itoophiyaatti qopheessuuf murteessuu isaanii eeraniiru.
Konfiraansiin COP kun walgahii eegumsa naannoo addunyaa irratti isa guddaa ta’uu ibsuun, hirmaattonni kuma 80 hanga kuma 100 fi yoo xiqqaate hoggantoonni biyyoota 100 akka irratti hirmaatan ibsaniiru.
Itoophiyaanis ta’e biyyi Afrikaa Sahaaraa gadii kamiyyuu konfiraansii idil-addunyaa guddaa akkanaa qopheessitee akka hin beekne yaadachiisaniiru.
Konfaransichi waltajjii guddaa Itoophiyaan suuraa ishee bareedaa, guddachaa fi abdii qabu addunyaatti agarsiisuu, muuxannoo qabatamaa ishee qooddachuu fi bu’aa dinagdee fi dippilomaasii hedduu itti argattu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan konfiraansii COP qopheessuuf waggaa guutuu hojii ijaarsaa, dhaabbii fi qulqulleessuu cimsitee akka itti fuftu eeruun, sabni tokko ta’e biyya ijaaruu akka danda’u kan agarsiisu ta’a jedhan.
"Mukkeen madda nyaataa, gaaddisa, bareedinaa fi ittisa dhiqama biyyeeti," jedhan.
Kanaafuu, Itoophiyaanonni daandii kaa’an irra akka itti fufanii fi kaayyoo biyyaalessaa isaanii galmaan ga’uuf waliin hojjechuu akka qaban Ministirri Muummee waamicha dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy