Itoophiyaanonni har'a tokkummaa yaadaa fi gochaatiin guyyaa seenaa qabeessa biqiltuu miiliyoona 800 kan dhaabnudha-Ministira Ennaataalam Mallasaa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaanonni har'a tokkummaa yaadaa fi gochaatiin guyyaa seenaa qabeessa biqiltuu miiliyoona 800 kan dhaabnudha-Ministira Ennaataalam Mallasaa
Adoolessa 27/2018 (ENA): Itoophiyaanonni har'a tokkummaa yaadaa fi gochaatiin biqiltuu miiliyoona 800 kan dhaabnu guyyaa seenaa qabeessadha jechuun Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Enat'alam Mallasaa ibsan.
Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Ennaataalam Mallasaa, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo mata duree "Abdii haa Dhaabu!" jedhuun gaggeeffamu eegalamuusaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ministirri kun ibsa isaaniitiin har'a Itoophiyaa keessatti biqiltoonni akka dhaabbatan dubbataniiru.
Itoophiyaanonni har'a tokkummaa yaadaa fi gochaatiin biqiltuu miiliyoona 800 kan dhaaban guyyaa seenaa qabeessa ta'uus ibsaniiru.
Maanguddoonni, dargaggoonni fi daa'imman, kutaan hawaasaa hundi dachee Itoophiyaa magariisa uffisuu eegalaniiru jedhan.
Uummanni Itoophiyaa hundi dachee miidhamte magariisa akka uffisu waamicha dhiyeessaniiru.