Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan Ashaaraa magariisaa baroottan darban hojjatamaniin bu'awwan hedduun argamaniiru'- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Adoolessa 27/2018 (ENA): Hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa baroottan darban hojjatamaniin bu'awwan hedduun argamuusaanii Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromjyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Bu'aawwan kanneen keessaa inni jalqabaa Aadaa fi safuu ganamaatti deebi'uun danda'ameera jedhan.

Uwwisni bosonaa harka 17gadii ture gara harka 29'tti ol guddachuunis bu'aawwan Ashaaraa magariisaan argaman keessaa ta'uu himaniiru.

Ashaaraan magariisaa Oomishaa fi oomishtummaa guddisuun al-ergii dabaluus dubbataniiru.


 

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu Ashaaraan magariisaa rakkoo uumamaa fi nam-tolchee hawaasa qoraa ture furuun aara galfachiisaa jiraachuusaa ibsaniiru.

Mootummaan inisheetivoota jiruuf jireenya hawaasaa jijjiran hojiirraa oolchaa jiraachuu kan himan Obbo Geetuun Inisheetiviin Ashaaraa magariisaa bara 2011 eegalamees jijjirama olaanaa fideera jedhan.

Buufataalee biqiltuu kuma 27 keessatti biqiltuu qopheeffamaa turus dubbataniiru.


Ashaaraan magariisaa Carraa hojii bal'aa fiduufi Bosona deebisuun dhiqama biyyee hambisuu kan himan immoo Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015