Ashaaraan Magariisaa kunuunsa naannoo qofaaf osoo hin taanee fayyadamummaa dinagdee keenya guddiseera- Qonnaan bultoota - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan Magariisaa kunuunsa naannoo qofaaf osoo hin taanee fayyadamummaa dinagdee keenya guddiseera- Qonnaan bultoota
Adoolessa 27/2018 (ENA):Qonnaan bultoonni Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee Sagantaan Ashaaraa Magariisaa rakkoo manca’iinsa naannoo salphisuu qofa osoo hin taane fayyadamummaa diinagdee isaaniis mirkaneessaa jiraachuu beeksisaniiru.
Qonnaan bultoota Aanaa Lumee sagantaa dhaabbii biqiltuu dhaabbii irratti hirmaatan keessaa, obbo Girmaa Damissee akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa magariisummaa naannoo isaanii deebisuu qofa osoo hin taane oomisha midhaanii isaanii dabaluudhaan fayyadamoo ta’uu isaani ibsaniiru.
Kanaan dura biyyee gabbataan lolaan kan manca’e ta’uu eeranii, kunis misooma midhaan isaanii irratti miidhaa geessisaa turuu dubbatan.
Haa ta’u malee pirojektiin Ashaaraa Magariisaa erga eegalamee booda miidhaginni naannoo sanaa deebi’ee, maddoonni bishaanii uumamuu fi oomishtummaa midhaan isaanii fooyyessuudhaan fayyadamoo ta’uu isaanii ibsaniiru.
Qonnaan bulaan Geetaachoo Dammiraawu gama isaatiin, bu’aa Ashaaraa Magariisaa hubachuun waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Waggaa waggaan dhaabbii biqiltuu nyaataaf oolan dhaabuun fayyadamoo ta’uu saanii dubbataniiru.
Qonnaan bultuun kan biraa aadde Immabeet Buttaa gama isaaniitiin lafti qonnaa isaanii kanaan dura lolaadhaan manca’ee ture deebi’ee ijaaramee amma magariisa ta’uu ibsaniiru.
Lafti sababa biqiltuu dhaabuun gogaa ture gara bareedina uumamaa isaatti deebi'uu isaa, akkasumas bishaan kuufamaadhufuu fi beeladootaaf marga dheedumsaa argamsiiseera jedhan.
Biqiltuu dhaaban kannneenis waliin ta’uun kan kunuunsan ta’uu dubbataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy