Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Ashaaraa Magariisaa nageenya suluulaa fi gabbina burqaa bishaaniif bu'aa olaanaa gumaachaa jira

Adoolessa 26/2018 (ENA) — Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojjetamaa jiru eegumsa suluulaa jabeessuun nageenya hidhawwan jallisii amansiisaa gochuu fi burqaan bishaanii akka dabalu taasisaa jiraachuu isaa Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018 mata duree ‘Abdii haa dhaabnu’ jedhuun Magaalaa Bishooftuutti eegalchiisuun isaanii kan yaadatamuudha.

Ganna baranaas injifannoo Adwaa irraa deebiin hojjechuun badhaadhina dhaloota boruutiif bu'uura kaa'uudhaaf lammileen biyyattii duula dhaabbii biqiltuu miiliyoona 800 guyyaa gaggeeffamuuf qabamee irratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.

Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA’tti akka himanitti, waggoottan darban hojiin ashaaraa magariisaatiin hojjetame gama hundaan jireenya lammillee jijjiireera.

Bu'aa kanaanis gama dinagdeetiin oomishni fuduraa fi muduraa guddachuu bira dabree oomishtummaan qonnaas akka dabalu gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa lolaa roobaatiin uumamu hir'isuun dhiqama biyyee ittisuu bira darbee, bishaan roobaa gara lafa keessaatti akka seenu gochuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera jedhaniiru.

Kunis kuufama bishaan lafa keessaa guddisuudhaan akkasumas albuudoota uumamaa, boolla bishaanii fi lageen keessatti argaman akka dabalan taasisaa jiraachuu addeessaniiru.

Akkasumas, sababa adda addaatiin maddeen bishaanii goganii turan hojii misooma suluulaa cimsuudhaan akka haaromfaman, deebi'anii akka maddan taasisire jedhaniru.

Qorannoo Laga Abbayyaa, Hawaas fi suluulota laggeen Itoophiyaa biroo irratti adeemsifameen mirkanaa'uu dubbataniiru.

Haroon Haramayaa deebi'ee burquu isaas milkaa'ina gurguddoo galmeeffaman keessaa isa tokko ta'uu eeraniiru.

Dhumarrattis, sagantichi dhiqama biyyee fi cirracha gara laggeenitti seenu hir'isuudhaan fayyummaa fi nageenya hidha bishaanii eeguu fi qabeenya bishaanii misooma waaraatiif oolchuu keessatti qooda murteessaa taphachaa jiraachuus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015