Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophiin barbaachisu hundi xumurame

Adoolessa 26/2018(ENA) : Guyyaa boruu kan adeemsifamu duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo Naannoon Hararii qophii barbaachisu taasisuu pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii ibsani.


 

Obbo Ordiin Badrii duula boru dhaabbii ashaaraa magariisaaf uummanni naannichaa dammaqinaan akka irratti hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantichi akka himanitti, sagantaan ashaaraan magariisaa kunuunsa naannoo fi wabii nyaataa mirkaneessuun dabalatatti, walii galtee biyyaalessaa,waloomaafi walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad duula guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf taasisan hordofee qophiin gahaan taasifamuu dubbaniiru.


 

Saganticha irratti hirmaachuun jaalala biyyaa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Ummanni naannichaa ‘Abdii Haa Dhaabnu’ jechuun guyyaa boruu duula dhaabbii sagantaa ashaaraa magarisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

#Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy       

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015