Hojii Biqiltuu Dhaabuu Irraa Gara Aadaa Uumama Kunuunsuutti Ce'e - ENA Afaan Oromoo
Hojii Biqiltuu Dhaabuu Irraa Gara Aadaa Uumama Kunuunsuutti Ce'e
Hojiin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa keessatti waggoottan dhiyoo as gaggeeffamaa jiru biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane gara aadaa uumama kunuunsuutti ce'aa jira.
Ashaaraan Magariisaa hojii biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, uumama tiksuu fi naannoo deebisanii haaromsuu gara aadaa hawaasaatti kan ceesisedha; kunis dadammaqina biyyaalessaa guddaa uumee jira. Sochiin kun dhaloota dhufuuf lafa, bishaan, bosonaa fi qilleensa hin faalamne dhaalchisuuf itti gaafatamummaa waloo kan calaqqisiisudha.
Uumama komachuu mannaa biqiltuu dhaabuudhaan uumama waliin araaramuun, dhaloota dhufuuf dhaala guddaa fi Itoophiyaa badhaatuuf abdii ifaa uumuudha.
Sagantichi eeggumsa naannoo cinaatti adeemsa biqiltuu qopheessuu, dhaabuu fi kunuunsuu keessatti buufataaleen biqiltuu hedduun ijaaramuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amaniif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumeera. Keessattuu dargaggootaa fi dubartoota hedduuf madda galii itti fufiinsa qabu ta’uudhaan diinagdee magariisaa ijaaraa jira.
Lammiileen bakkeewwan garagaraa irraa walitti dhufuun aadaa biqiltuu dhaabuu dagaagsuun isaanii yaada "Dhuunfaarraa gara Walootti" jedhu cimseera. Kunis wabii nyaataa mirkaneessuu, jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi hojii biqiltuu dhaabuu irratti muuxannoo hawaasaa guddiseera.
Kanaafuu, lammiin hunduu kaka'umsa haaraatiin ba'ee sagantaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu kanarratti hirmaachuun itti gaafatamummaa waloo qaba.
Adoolessi 27/2018 Guyyaa itti ummanni Itoophiyaa guyyaa tokkotti biqiltuu Miliyoona 800 dhaabuuf qophaa’aa jirudha.
#Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy