Dhaadannoowwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Erga jalqabamee hanga ammaatti jiru. - ENA Afaan Oromoo
Dhaadannoowwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Erga jalqabamee hanga ammaatti jiru.
Ashaaraan Magariisaa (Green Legacy) sagantaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti erga Mootummaan jijjiiramaa dhufee as akka aadaa guddaa fi sochii hawaasummaatti gabbachaa dhufe dha. Kaayyoon isaa inni guddaan jijjiirama qilleensaa addunyaa irra gahaa jiru dandamachuu, naannoo badhaadhaa fi magariisa ta'e dhaloota egereef dabarsuu, akkasumas lafa uwwisa bosonaa gadi bu'aa jiru deebisanii bayyanachiisuu dha.
Sagantaan kun lammiilee miliyoonaan lakkaa'aman toora tokkorratti sochoosuun dhimma eegumsa naannoo irratti hubannoo fi jaalala uumamaa guddaa uumeera. Kunis gammoojjummaa ittisuu, dhiqama biyyoof kunuunsa taasisuu, madaala qilleensaa fooyyessuu fi burqaa bishaanii eeguu keessatti gahee bakka bu'iinsa hin qabne taphataa jira.
Sagantaan dhaabbii biqiltuu waggaa waggaadhaan duulaan akka biyyaattii fi akka naannootti adeemsifamu dhaadannoo mataa mataa isaa qaba.
Waggaa waggaadhaan dhaadannoowwan garaagaraa uummata onnachiisanii hojiin biqiltuu dhaabuu kun akka aadaatti akka gabbatu taasifameera.
Dhaadannoowwan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 irraa eegalee hanga bara 2018tti jiran bu’aa qabatamaa fidaniiru. Dhaadannoowwan kunniinis bara isaanii wajjin akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:
Bara 2011 — "Namni tokko biqiltuu 40"kan jedhuun gaggeeffame.
Sagantichi qooda fudhannaa dhuunfaa irraa eegaluun, lammiin tokko biqiltuu 40 dhaabuu akka qabu ibsuun duulichaa saaqe.
Bara 2012 — "Eeggachaa haa dhaabnu"kan jedhu ture.
Kunis Yeroo weerara vaayirasii Koronaa (COVID-19) ture keessatti of eeggannoo gochaa hojii eegumsa naannoo fi biqiltuu dhaabuu addaan kutuu akka hin qabne ergaa dabarse.
Bara 2013 — "Itoophiyaa haa uwwisnu"kan jedhu ture.
Mul'ata biyya uwwisa magariisaan gurguddoo uwwisuu fi gammoojjummaa ittisuufi magariisummaa babal'isu irratti fuulleffate.
Bara 2014 — "Ashaaraa keenya dhaloota keenyaaf"kan jedhu ture.
Hojiin har'a hojjetamu hundi dhaloota dhufuuf qabeenya uumamaa mijataa fi gahaa ta'e hambisuu akka ta'e yaadachiise. Kunis kan dhaloonni yeroo ammaa fayyadamaa jiru kan abbootii fi akaakilee abaabilee ta’uu isaa yaadachiisuun, dhaloonni ammaas dhaloota egereef ashaaraa isaa kaa’uu akka qabu kan agarsiisudha
Bara 2015 — "Boru, har'a haa dhaabnu"kan jedhu ture.
Fuuldura miidhagaa fi qilleensa gaarii argachuuf hojiin har'a raawwatamu murteessaa ta'uu isaatiin hojiif hawaasa kakaase.
Bara 2016 — "Biyya Dhaabdu, Dhaloota cichoomu"kan jedhu ture.
Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, biyya jabaataatti jijjiiruu fi dhaloota guddina naannoo isaaniif cichoomaa ta'e ijaaruu irratti xiyyeeffate.
Kanaanis bu’aan qabatamaan argameera.
Bara 2017 — "Dhaabuudhaan Bayyanachuu"kan jedhu ture.
Misooma biqiltuutiin miidhaa qilleensaa fi manca'iinsa naannoo dandamatanii deebi'anii bayyanachuun dhaabbachuu ibsa.
Bara 2018 — "Abdii Haa dhaabnu"kan jedhudha
Biqiltuu dhaabuun abdii fuulduraa, jijjiirama dinagdee, eegumsa naannoo fi tokkummaa biyyaalessaa dhaabuu akka ta'e ergaa guddaa dabarsa. Dhalli namaa abdii malee jiraachuu akka hin dandeenye ogeessonni xiinsamuu ni dubbatu.
Namni abdii malee jiraachuu akka hin dandeenyes ni gorsu. Abdii qabaachuun jireenya egeree ofiif milkaa’ina guddaaf akka nama geessu amanu. Kanaaf Dhaadannoon sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kanaa dhalota egereef abdii kan ta’u dhaabuu qabna kan jedhudha.
Abdii dhaabuun bu’aa egereef nama geessisa.
Dhaadannoowwan kanneen sagantaa Ashaaraa Magariisaa wagga waggaan darbaa turan irraa akka hubatamuutti, Ashaaraan Magariisaa hojii biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, meeshaa jijjiirama ilaalchaa, tokkummaa hawaasaa fi eegumsa naannoo itti fufiinsa qabu uumuu danda'uu isaa kan namatti mul’isudha.
#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy