Tamsaasa Kallatti:

Filannoon Waliigalaa 7ffaan Kutannoo Ummanni Itoophiyaa Sirna Diimokraasii Ijaaruuf Qabu Qabatamaan Kan Mirkaneesseedha

Adoolessa 26/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa 7ffaan kutannoo ummanni Itoophiyaa sirna diimokiraasii ijaaruuf qabu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa (AMICO) waliin turtii taasisaniiru.
Turtii isaaniitiinis, filannoon waliigalaa 7ffaan buufataalee filannoo kuma 50 ol irratti kan gaggeeffamee fi ummatnis osoo hin nuffiin sa'aatii dheeraa hiriiree sagalee isaa kenne ta'uu eeraniiru.


Filannoon agarsiistuu sirna diimokiraasiiti kan jedhan Ministirri Muummeen filannoon karaa ummatni mootummaa diimokraatawaa ijaaruuf kutannoo qabu ittiin agarsiisu ta'uu isaas dubbataniiru.
Lammiileen miiliyoona 54 ol ta'an adeemsa filannoo kana irratti hirmaachuun isaanii waan baay'ee akka barannu nu taasiseera kan jedhan Ministirri Muummeen, nageenya keenya akka sakattaanu, dhaabbilee keenya akka fooyyessinuu fi miira ummataa caalaatti akka hubannu nu taasiseera jedhaniiru.
Kanaan booda Itoophiyaa keessatti karaa filannootiin ala karaa biraatiin aangoo itti argatan akka hin jirres eeraniiru.

Filannoon waliigalaa 7ffaan aangoo karaa nagaa fi eeyyama ummataatiin qofa argachuun akka danda'amu kan agarsiise ta'uu eerun, filannichi hiika guddaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.

Filannoon waliigalaa 7ffaan dammaqsaas ture kan jedhan Ministirri Muummeen, lammiileen sagaleen dhukaasaa osoo itti dhaga'amuu, roobni, qorrii fi gufuuleen osoo isaan hin daangessiin gatii baasanii sagalee isaanii kennuuf tattaaffiin taasisan kan dinqisiifamudha jedhaniiru.

Filannichi Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaa irratti yaada faallaa dhaga'uuf qophaa'oo ta'uu dhabuu isaanii qabatamaan kan agarsiise ta'uus ibsaniiru.

Ijaarsa biyyaa fi jiraachuun mootummaa faayidaan isaa maal akka ta'e dhaamsa guddaa kan dabarse ta'uus dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015