Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophiin barbaachisaan taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophiin barbaachisaan taasifamaa jira
Adoolessa 26/2018 (ENA) : Sagantaa biqiltuu dhaabbii guyyaa tokkoof dhaabamuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu Waajjirri Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa beeksise.
Sagantaan "biqiltuu guyyaa tokkootti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu" kun sochii biyyaalessaa tokkummaa hawaasaa cimsuu, aadaa eegumsa naannoo dagaagsuu fi yeroo gabaabaa keessatti bu'aa olaanaa galmeessisuuf gargaarudha.
Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu jedhanitti sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof gaggeeffamuuf hojiin qophii xumuramee hojiin biqiltuuwwan geejjibsiisuu hojjetamaa jira.
Biqiltuu dhaabuuf qophaa’e humna namaa fi konkolaataan gara iddoo biqiltuutti geessuuf hojiin hojjetamaa jiru saffisiisaa jiraachuu ibsaniiru.
Sagantaan kun haala qilleensaa lafa gammoojjii magaalattii caalaatti haala qilleensa gaarii taasisuu qofa osoo hin taane, guddina oomishaa fi oomishtummaa midhaanii irrattis bu’aa gaarii uumeera jedhan.
Kantii magaalaa Adaamaa kan ta’an obb o Hayiluu Jaldee gama isaaniin, jiraattonni magaalichaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof gaggeeffamu kana irratti bahanii akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.