Bu'aa waloo Bulchiinsota Magaalaa Finfinnee fi Shaggar - ENA Afaan Oromoo
Bu'aa waloo Bulchiinsota Magaalaa Finfinnee fi Shaggar
Adoolessa 25/2018 (ENA): Bulchiinsonni Magaalaa Finfinnee fi Shaggar bara bajataa 2018tti qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisuurratti qindoominaan hojiiwwan hojjetaniin bu'aa gaarii galmeessuun isaanii ibsame.
Biiroon Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar raawwii hojii nageenyaa waloo bara bajataa 2018 fi karoora waloo bara bajataa 2019 irratti waltajjii marii gaggeessaniiru.
Waltajjii kana irratti hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Lidiyaa Girmaa; Bulchiinsonni magaalaa lamaanii dhimmoota sektera nageenyaa irratti waliin hojjechuu danda'an irratti kanaan dura walii galtee uumuu isaanii ibsaniiru.
Waliigaltee kana bu'uura godhachuudhaan bara bajataa 2018 jalqaba irratti karoora nageenyaa fi tasgabbii waloo qopheessuudhaan gara hojiitti galuu isaanii dubbataniiru.
Hojii qindoominaa raawwatamee fi hojii yakka ittisuu ummata giddu-galeessa godhateen, sadarkaan yakkaa bara darbee waliin yeroo madaalamu xiqqaachaa dhufuusaa ibsuun hojiin qindoominaa kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Gama biraatiin,itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilastara Dinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Guyyoo Galgaloo; Magaalaawwan lamaan akkuma waliin karoorfatanitti sochiiwwan seeraan ala ta'an fashaleessuu irratti hojiin milkaa'ina qabu hojjechuu isaanii dubbataniiru.
Qaamolee nageenyaa sadarkaa kutaa magaalaa fi aanaatti jiran qindoominaan sochoosuun, karoora fi qajeelfama waliinii qopheessuudhaan sodaa nageenyaa hojii dursanii ittisuun fashaleessuun akka danda'ame dubbataniiru.
Dabalataanis, bara 2018 keessatti hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwataman bu'a-qabeessa ta'uu isaanii eeruudhaan, qindoominni kun fuulduraattis cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Kana malees, bulchiinsonni magaalaa lamaan bu'aawwan gaarii bara bajataa 2018 keessatti galmeessan bu'uura godhachuudhaan, bara bajataa 2019 keessatti hojiiwwan caalan waloon raawwachuu dandeessisu sanada waliigaltee mallatteessaniiru.