Faayidaa damdaneessa Ashaaraa Magariisa - ENA Afaan Oromoo
Faayidaa damdaneessa Ashaaraa Magariisa
Innisheetiviin Ashaaraa Magariisaa guutuu biyyaatti Ministira Muummee Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippaabilikaa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin A.L.I bara 2011 ifatti labsamee eegalame.
Kaayyoo ijoon inisheetivii Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) inni ijoon, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi naannoo keenya bayyanachiisuudha.Kanaanis :
- Madaala Uumamaa fi Bosona Deebisuu- Daggalaa fi bosona ciramanii badan bakka buusuun, uwwisa bosona biyya keenyaa guddisuu fi madaallii qilleensaa eeguudha.
- Biyyee fi Qabeenya Uumamaa Eeguu: Sigigaa fi dhiqama biyyee lolaan dhufu hir'isuudhaan, gabbina biyyee eeguu.
- Midhaaginaa fi Qilleensa Qulqulluu Uumuu: Magaalotaa fi baadiyyaa keessatti qilleensa qulqulluu, lafa magariisaa fi naannoo jireenyaaf mijataa ta'e uumuu.
- Wabii nyaataa fi dinagdee cimsuu: Biqiltoota ija godhatan kan akka, Maangoo, Bunaa, Avokaadoo dhaabuun bu'aa dinagdee uummataaf fiduu fi wabii nyaataa mirkaneessuu.
- Jijjiirama qilleensaa damdamachuu: Miidhaa goginsaa, lolaa fi Saaxilamummaa qilleensaa adda addaa xiqqessuun dhaloota dhufuuf biyya magariisaa dabarsuudha.
-