Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Sagantaa Tajaajila Lammummaa gannaatiin fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira

Adoolessa 25/2018(ENA):Naannoo Harariitti tajaajila lammummaa gannaatiin fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan.

Waltajjii marii kanarratti gabaasni raawwii tajaajila lammummaa gannaa fi Ashaaraa Magariisaa dhiyaatee irratti marii’atameera.

Obbo Geetuu Wayyeessaa waltajjicharratti akka ibsanitti, tajaajila lammummaa gannaatiin fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee uummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennameera.


 

Naannichatti sagantaa tajaajila Lammummaa gannaatiin oomishtummaa caalaatti dabaluudhaan qaala'iinsa jireenyaa hir’isuu fi harka qal’eeyyii deeggaruuf akka hojjetamus dubbataniiru.

Keessattuu, fayyadamtoota Seeftineetii sagantaa maaddii guutuun fayyadamtoota gochuudhaan oomishtummaa isaanii dabaluun hirkattummaa hir'isuuf ni hojjatama jedhaniiru.

Gama biraatiin, Itti Aantuu Pirezidaantii Naannichaa fi Hoggantuu Biiroo Misooma Qonnaa Aadde Roozaa Umar akka jedhanitti, sagantaan qophii dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo xumurameera.

Naannichatti bakkeewwan adda addaa 14tti guyyaa tokkotti biqiltuu dhaabuuf hojiin qophii boolla qotuu fi biqiltuu geejibsiisuu xumuramuusaa ibsaniiru.


 

Aanaalee magalaa fi baadiyyaa naannichatti sagantaa raawwatamu kanaaf hawaasaaf hubannoon barbaachisaan uumamuu isaas eeraniiru.

Saganticharratti jiraattotni Naannichaa, Dargaggoota, Hojjettootni mootummaa, hogganootnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Bahaa, akkasumas miseensotni Poolisii Federaalaa, qaamoleen nageenyaa naannichaa fi qooda-fudhattoonni biroon akka hirmaatan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015