Manni Maree Naannoo Amaaraa baajata bara 2019 birrii biiliyoona 402 tuqaa 2 Ol Mirkaneesse - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Naannoo Amaaraa baajata bara 2019 birrii biiliyoona 402 tuqaa 2 Ol Mirkaneesse
Adoolessa 25/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Amaaraa Karoora Misoomaa bara baajataa 2019tiif kan oolu baajata Birrii biiliyoona 402 tuqaa 2 ol xiinxalee mirkaneesseera.
Manni Maree Naannichaa Yaa’ii Marsaa 6ffaa, bara hojii 5ffaa, walga’ii idilee 12ffaa guyyaa sadaffaa bara baajata haaraa mirkaneessuun xumurameera.
Hogganaan Biiroo Maallaqaa Naannichaa Attaalaay Xilahuun wixinee baajataa kana yeroo dhiyeessan akka jedhanitti; baajatichi fedhii misoomaa ummata naannichaa bu’uura kan godhateedha jedhaniiru.