Tamsaasa Kallatti:

Magalichatti Sagantaa dhaabbii Biqiltuu guyyaa tokko gaggeefamuuf lafti hektaarri 875 qophaa’eera

Adoolessa 25/2018 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokko gaggeeffamuun lafti hektaarri 875 biqiltuu gara garaatiin akka dhaabbatu qophiin taasifamuu waajjirri Qonnaa Magaalichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka ibsaniitti, magaalichatti waggoota darban Sagantaa Ashaara Magaariisatiin biqiltuuwwan dhaabamaniin bishaan goganii turan kan maddaniifi, gabbina biyyee deebisuun omishaafi oomishtummaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhan.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kan bara kanaatiin magaalichatti lafa hektaara 875 irratti biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban bal'inaan akka dhaabaman ibsaniiru.

Sagantichaan biqiltuuwwan miiliyoona 3tuqaa 6 ta'an dhaabbiif qophii ta'uu isaanii eeruun; iddoowwan adda baasuu, boolla qopheessuu, akkasumas biqiltuu geejibsiisuu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan qophaa’an kun miidhagina Magaalatiif, soorataaf kan oolan, akkasumas bosonaa fi tajaajila garaa garaa kan kennan ta'uu ibsaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu guyyaa kana gaggeefamuu kun hawaasa kuma dhibba 210 kan hiraamachus ta’us himaniru.

Hojichi misooma Magariisa Magaalichaaf bu'uura jabaa kan kaa'u ta'uu kan ibsan obbo Dajaneen; caalaatti milkeesuuf dhaabbii qofa irraatti kan xiyyeefatamu osoo hin taane kunuunsaa fi eegumsaa irratti xiyyeeffannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015