Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti Lafa hektaara kuma 930 irratti sanyii midhaan adda addaa facaafamee misoomaa jira

Adoolessa 25/2018 (ENA): Godina Jimmaatti Qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 930 irratti sanyii midhaan adda addaatiin facaafamee misoomaa akka jiru Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Tijjaanii Tamaam ENA’f akka ibsanitti, godinichatti qonna gannaa bara omishaa 2018/19 omishaa fi omishtummaa midhaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuun hojjetamaa jira.

Omisha gannaatiin lafa hektaara kuma 883 sanyii midhaan adda addaatiin facaasuun omisha kuntaala miiliyoona 36 argachuuf karoorfamee gara hojiitti galamuu dubbataniiru.


Tattaaffii hanga ammaatti taasifameen karooran olitti lafti hektaara kuma 930 qotamee boqqolloon, Xaafii, Ruuzii fi sanyii midhaan adda addaatiin facaafamuu ibsaniiru.

Lafa sanyiidhaan facaafame keessaa hektaarri kuma 200 sanyii Boqqollootiin kan facaafame ta'uu fi dursamee kan facaafame waan ta'eef yeroo amma haala gaarii irra akka jiru dubbataniiru.

Bara omishaa kana keessatti omishaa fi omishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoo kennameen midhaan baay’een kilastaraan kan facaafame ta'uu dubbataniiru.


Godinichatti Aanaa Limmuu Kossaatti dargaggoota misooma qonnaa irratti bobba'an keessaa Miilkoo Muudiin bara darbe dargaggootaa fi qonnaan bultoota naannichaa biroo waliin boqqolloo kilastaraan misoomsuun omisha fooyya'aa argachuu isaa ibseera.

Qonnaan bulaan aanichaa kan biraan Geetaachoo Alii gama isaaniitiin bara kana boqqolloo bal'inaan facaasuu isaanii fi sanyii filatamaa boqqolloo yeroon argachuutiin hojii facaasaa yeroon raawwachuuf haala mijataa akka uumeefii ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015