Naannoo Harariitti rakkoo Mana jireenyaafuruuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti rakkoo Mana jireenyaafuruuf xiyyeeffannoon kennameera
Adoolessa 25/2018 (ENA): Bara baajataa 2019tti rakkoo Mana jireenyaa jiraattotaa furuuf akka hojjetamu Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Naannoo Hararii Obbo Muktaar Saaliih ibsan.
Biirichi bara baajataa 2019 kenna tajaajilaa fooyyessuun jiraattotaaf Magaalaa mijattuu uumuuf akka hojjetus beeksiseera.
Obbo Muktaar Saaliih akka ibsanitti, biirichi hojiilee fayyadamummaa hawaasaa caalaatti mirkaneessan irratti xiyyeeffannoo kennee ni hojjeta.
Naannichatti ijaarsa Mana jireenyaaf kan oolu lafa hektaara 20 qopheessuudhaan filannoowwan adda addaatiin hawaasa abbaa Mana jireenyaa gochuuf akka hojjetamus ibsa isaaniitiin eeraniiru.
Karoora kana hatattamaan hojiirra oolchuufis xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.
Gama biraatiin, waliingahinsa pilaanii Magaalaa, baadiyaa fi gandaa guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu fi dhaqabama kadaastaraa caalaatti dabaluuf akka hojjetamu ibsaniiru.
Kessumaa fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa mirkaneessuuf naannichatti misooma koriidaraa fi ijaarsa pirojektoota biroo yeroo qabatameef keessatti akka xumuramanis ni hojjetama jedhaniiru.
Gama biraatiin tajaajila dhaabbatichaa caalaatti ammayyeessuudhaan lammiileef tajaajila haqaa qabeessaa fi si’ataa ta'e kennuuf akka hojjetamu Obbo Muktaar Saaliih ibsaniiru.