Tamsaasa Kallatti:

Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi bal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa taasiseera – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Adoolessa 24/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad uummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda tasgabbii biyyattii fi babal’ina iddoo siyaasaa isheef gumaacha guddaa gumaacheera jedhan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dhaabbata Miidiyaa Amaaraa (AMC) waliin marii taasisaniiru.
Ummanni naannoo Amaaraa akkuma ummatoota Itoophiyaa hunda sirna siyaasaa fooyyessuu, imala diinagdee saffisiisuu fi hunda hammatee taasisuuf yeroo jijjiirama biyyaalessaa ammaa fi kanaan duraa keessatti qabsaa’aa turuu yaadachiisaniiru.

Imala jijjiirama kana hordofe keessatti ummanni naannoo Amaaraa fi ummanni Itiyoophiyaa guutuun harka isaa diriirsuun jijjiirama kana fudhachuun biyya tasgabbeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru.
Mootummaan haala siyaasaa fi diinagdee jijjiirama kanaan dura ture jijjiiruuf hojiiwwan bal’aa hawaasummaa raawwachuu isaa eeruun, adeemsa baniinsaa kana keessatti wanti gaariin mul’ateera jedhan.

Haa ta'u malee, humnoonni karaa baname irratti dantaa sabaa Itiyoophiyaa mormuu fi miidhuuf hiriiran jiraachuus hubachiisaniiru.
Qormaatni jiraatus ummanni naannoo Amaaraa karaan ida’amuu filannoo qofa ta’uu fi badhaadhinaaf carraaqqiin taasifamu sirrii ta’uu waan amanuuf, filannoon bara kanaa amantaa sana qabatamaan mirkaneessee jira.

Kana malees, waliin hojjechuun, ciminaan hojjechuun, akka biyyaatti tokkummaan biyya seena qabeettii cimsuu akka dandeenyu ummanni yeroon itti amanu amma ta’uu ibsaniiru.

#TOI #ENA Afaan Oromoo

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015