Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 19 ol biqiltuu gosa adda addaatiin ni uwwifama - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaara kuma 19 ol biqiltuu gosa adda addaatiin ni uwwifama
Adoolessa 24/2018 (ENA) : Godina Shawaa Bahaatti sagantaa duula dhaabbi biqiltuu guyyaa tokkoo Wixata dhufu gaggeeffamuun lafti hektaara kuma 19 ol sanyii biqiltuu gara garaatiin akka uwwifamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu guutuu biyyaatti waggaa waggaatti geggeeffamuufi guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona hedduu dhaabuu irratti sosochii uummataa uumuuf yaadamee hojjetamudha.
Itti aanaa hoogganaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka himanitti, aanaalee 11 Godinicha keessatti argaman keessatti uummata sagantaa kanarratti damaqinaan hirmaachisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhani.
Sagantaa kanarratti biqiltuu faayidaa adda addaa qaban dhaabuuf hojiin biqiltuu iddoo itti dhaabbatuutti geejjibsiisuu haala of-eeggannoo qabuun raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru.
Guyyaan biqiltuu dhaabuu kun akka milkaa’uuf hawaasni gubbaa hanga gadiitti koreen adda addaa dhaabuun adeemsa kana ariifachiisaa akka jiru eeranii, keessattuu dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni hojii biqiltuu geejjibsiisuu fi qopheessuu irratti hirmaannaa olaanaa gochaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Sagantaa duula biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana milkeessuuf lafti hektaara kuma 19 ol adda bafamee qophaa'uu dubbataniiru.
Obbo Abinnet akka himanitti, hojiin biqiltuu dhaabuu kun bakkeewwan sululaa fi lafa qophaa'an garagaraa irratti kan raawwatamu ta'adha jedhani.
Guyyaa sanatti Godinicha keessaa namoota miliyoona 1.2 ta'an hirmaachisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Duula kanarratis kutaaleen hawaasa hundi kan irratti argaman, gaggeessitoota, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, hojjettonni mootummaa, daldalttoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroos ni hirmaatu jedhamee eegama jedhaniru.
#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa