Dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf hojjetamaa jira
Adooleessa 23/2018(ENA) Magaalaa Shaggaritti dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Wajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar, Obbo Abarraa Botoree,turtii ENA waliin taasisaniin, bara kana hojiiwwan fayyaa karoorfaman galmaan gahuuf sochii guddaa taasisaa turuu dubbataniiru.
Hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa dhaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa dabaluu ta'u ibsuun, bara kana dhaabbilee fayyaa magaalicha keessatti argaman babal’isuuf hojjetamaa turuu himaniiru.
Hawaasni tajaajila fayyaa dhihootti akka argatuuf sochii taasifameen Keellaawwan fayyaa 11, buufata fayyaa 1, akkasumas Hospitaalli Waliigalaa 2 ijaarsi isaanii xumuramee tajaajilaaf banaa taasifamuu ibsaniiru.
Kenna tajaajila dhaabilee fayyaa foyyeessuuf hawaasa hirmaachisuun hojiin bal’aan hojjetamaa turuusaa ibsaniiru.
kanaanis, qulqullina fayyaa fooyyessuu keessatti meeshaaleen wal’aansaa gahee olaanaa kan qaban ta'uu eeranii, Hospitaalotaafi buufataalee fayyaa ijaaramanii tajaajilaf banaa ta'an keessatti bara kana qarshii miliyoona 600 ol bajaata mootummaafi hirmaannaa hawaasaatiin meeshaaleen wal’aansaa adda addaa sadarkaa isaanii eeggataman dhaabbilee fayyaaf dhiyeessuun danda'ameera jedhan.
Akkasumas, ogeessota fayyaa gahumsa qabaniifi ogummaa adda addaa qaban ogeessota 400 ol ta'an bara kana qacarrii fi jijjiirradhaan gara buufataalee fayyaa magaalichaatti dabalamuu eeraniiru.
Qulqullina tajaajilaa Fayyaa Magaalichaa fooyyessuuf hojii hojjetameen haqa-qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuun uwwisi bufataa fayyaa dhibbantaa 39 kan turee bara kan dhibbentaa 62 qaqqabuusaa himaniiru.