Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu eegala- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu eegala- Piroofeesar Masfin Ara’aayaa
Adoolessa 24/2018(ENA) : Yaa’ii ijoon gareewwan saddet hirmaattota 500 qabaniin Wiixata dhufu ni eegala jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ara’aayaan.
Piroofeesar Masfin Ara’aayaan adeemsa yaa’ii marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kennaniin, gareewwan 16 hirmaattota 250 qaban ajandaalee irratti mari’achaa turan gabbisuun gareewwan 8 hirmaattota 500 qabaniif kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru.
Mari’attoonni ajandaalee irratti waliigalteerra gahuun akka irraa eegamu eeranii, waliigalteerra gahuun seeraafi sirna mataasaa qaba jedhaniiru.
Adeemsa waliigalteerra gahuu keessatti guutummaatti waliigalamuu yoo baate adeemsi ittiin hiikamu jiraachuus kaasaniiru.
Kanaaf immoo gareen bakka bu’oota sadarkaa naannoo fi federaalaatti filatan jiraachuu eeruun, garichis garee naannoo fi bulchiinsa magaalotaa yookaan garee dhaabbilee federaalaa akka jedhamu ibsaniiru.
Ogeeyyiin garaagaraa guyyoottan itti aanan hirmaattotaaf deeggarsa akka taasisan kaasanii, ogeeyyiin kunneen Kanaan duras deeggarsa gochaa turuu eeraniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira.
#TOI #ENA Afaan Oromoo