ENA’n Odeeffannoo Saffiisaa Dhiheessuu Qofa Osoo Hin Taane, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Irrattis Hirmaannaa Cimaa Taasisaa Jira - ENA Afaan Oromoo
ENA’n Odeeffannoo Saffiisaa Dhiheessuu Qofa Osoo Hin Taane, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Irrattis Hirmaannaa Cimaa Taasisaa Jira
Adoolessa 24/ 2018 (ENA) : ENA’n odeeffannoo sirrii, amanamaa fi yeroo isaa eeggate uummataaf dhiyeessuu qofa osoo hin taane, sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyaaleessaa milkeessuuf hirmaannaa qabatamaa taasisaa jiraachuu Itti Aanaan Hogganaa Olaanaa ENA Obbo Abrahaa Girmaay ibsan.
Itoophiyaan erga sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalqabdee biqiltuu biliyoona 48 ol dhaabuun milkaa'ina seenaqabeessa galmeessiteetti.
Bara kanattis biqiltuu biliyoona 8 dabalataan dhaabuuf karoorfattee hojii jalqabdeetti.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, lammiileen Itoophiyaa hundi Wiixata dhufu tokkummaadhaan bahuun guyyaa tokko keessatti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuun seenaa haaraa akka galmeessan waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.
Kaayyoo kana milkeessuuf hooggantoonnii fi hojjettoonni ENA Paarkii Inxooxoo keessatti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.
Obbo Abrahaa Girmaay akka himanitti, ENA’n madda odeeffannoo amanamaa ta'uu bira darbee hojiiwwan misooma biyyaarratti mootummaa fi uummata waliin hirmaannaa cimaa taasisaa jira jedhani.
Dhaabbatichi akka aadaatti fudhachuun, hojjettoonni ENA waggaa waggaan sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti hirmaachuun jijjiirama qilleensaa hir'isuu fi uwwisa bosonaa biyyattii guddisuuf gumaacha isaanii bahachaa jiru.
Kana malees, biqiltoonni har’a dhaabbamaan naannoo waliin kan wal simuu fi hanga sirnaan latanii guddatanitti kunuunsaa fi eegumsi barbaachisu akka taasifamu ibsaniruu.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhaadannoo "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Itoophiyaa magariisa, miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu ijaaruun dirqama dhalootaa ta'uu irratti hirmaattonni hojjettoota ENA isaanii ibsaniiru.
Daayirektarri Seeraa, Naamusaa fi Dhimmoota Addaa ENA aadde Taaddalech Boggaalaa, dhaabbatichi itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa hojii qabatamaatiin bahachaa jiraachuu eeruun, sagantaan Ashaaraa Magariisaas hojiiwwan mootummaa kana keessaa isa tokko ta'uu himaniiru.
Ogeessi Bulchiinsa Qabeenyaa aadde Buzaayyoo Abaataa, yeroo jahaffaaf saganticha irratti hirmaachuu isaanii ibsuun, biqiltoonni dhaabbatan akka latanii guddatanitti kunuunsa barbaachisu hunda akka taasisan mirkaneessaniiru.
Akkasumas, Ogeettiin Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa aadde Haagaree Tasfaahuun, biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane sirnaan kunuunsuun dhiqama biyyee ittisuu, gabbina biyyee eeguu fi naannoo magariisaa uumuuf murteessaa ta'uu dubbataniiru.
Kanaafis kunuunsa itti fufiinsa qabu gochuuf qophaa'oo ta'uu isaanii ibsaniiru.
Waggoota saddeet darban keessatti ENA’n sagantaalee ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaatee, eegumsa naannoo fi guddina uwwisa bosonaa biyyattii keessatti gumaacheera.
#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy