Buusaa Gonofaan Oromiyaa rakkoolee Hawaasummaa dandeettii Ofiin hiikuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Buusaa Gonofaan Oromiyaa rakkoolee Hawaasummaa dandeettii Ofiin hiikuuf hojjechaa jira
Adoolessa 24/2018 (ENA): Tattaaffii ofiina hirkattummaa irraa oomishtummaatti ce’uuf taasifamu deeggaruufi rakkoolee hawaasummaa dandeettii ofiin ittifufinsaan of danda’uuf hojjechaa jiraachuu Buusaa Gonofaan Oromiyaa ibse.
Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Muhaammad Juundaa akka ENA’f ibsanitti, dandeettii keessaa cimsachuufi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu deeggaruuf hojjechaa jiru.
Dhaabbatichi kaayyoo dhaabbateef galmaan ga'uuf miseensota isaa irraa fi kennaadhaan qabeenya walitti qabuun olitti, hirkattummaarraa gara oomishtummaatti ce’uufi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kaayyoo taa'e deeggaruuf gara oomishtummaatti seenaa jira jedhaniiru.
Bara oomisha 2018/19 tajaajila nyaata barattootaatiif oolu lafti hektaara kuma 17 ol qotamee yeroo ammaa kana sanyiidhaan facaafamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun balaa nam-tolchee fi uumamaa mudachuu danda'an humna ofiin qolachuuf lafti hektaara kuma 11 ol qotamuun midhaan gosa adda addaatiin sanyiidhaan facaafamaa jiraachuu hogganaan kun dubbataniiru.
Dabalataanis lafti qonnaaf oolu hektaarri kuma 25 ol godinaalee naannichaatti argamanitti adda baafamuu isaanii ibsaniiru.