Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 466 dhaabuuf qophiin xumurame.

Adoolessa 24/2018(ENA): Biiroon Qonnaa Oromiyaa duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu Naannoo Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamuun mata duree 'Abdii Haa Dhaabnu' jedhuun biqiltuu mil. 466 lafa heektaara 182,105 irratti kan dhaabamu ta'uu himanii, kanaafis iddoowwan 4,778 adda bahanii jiraachuu dubbataniiru.


Hojii sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tiin akka Naannoo Oromiyaatti buufataalee biqiltuu kuma 27 keessatti biqiltuu gosa adda addaa bil. 5.3 dhaabbiif qophaa'ee jiraachuu, 4.34 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu biliyoona 3.5 ol dhabbateera.

Naannoo Oromiyaatti sosochiin duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kan eegalame yoo ta'u, waggoottan 7’n darbanitti naannichatti biqiltuuwwan faayidaa garagaraaf oolan biliyoonni 28.2 ol lafa hektaara miiliyoona 8.2 irra dhaabbachuu Obbo Geetuun himanii, biqiltuuwwan dhaabaman keessaa dhibbeentaan 85 qabachuu (latuu)himaniiru.

Hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban hojjetamaniin uwwisni bosonaa Naannoo keenyaa gara %17 qofa ture gara dhibbeentaa 29 ol guddachuu himaanii, dabalataanis haroowwan gogan deebi'uu, dhiqamni biyyee hir'achuufi carraawwan hojii hedduun uumamuu kaasaniiru.

Hojiin inisheetiivi magariisaatiin hojjetame dinagdee guddisuu irra darbee dhimma dippiloomaasiis ta'uu danda'eera jedhan.

Sagantaa dhaabbi biqiltuuAshaaraa Magariisaa Adoolessa 27/2018 gaggeeffamu kana irrattis namoonni mil. 15 ol kan hirmaatan ta'uu himanii, guyyaa kanas hawaasni keenya tokkummaan bahee abdii egeree dhaabuudhaan Ashaaraa isaa kaa'u akka qabu waamicha dhiheessuu isaanii BKMNO ibseera.

#Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa
#GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015