Omishni fi itti fayyadamni damma Godinichaa dabaleera - ENA Afaan Oromoo
Omishni fi itti fayyadamni damma Godinichaa dabaleera
Adoolessa 24/2018 (ENA): Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraa akka beeksisetti teeknooloojiin oomisha dammaa, dhiyeessii fi itti fayyadamni Godinicha keessatti dabaluu isaa beeksiseera.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godichaa obbo Awal Mahaammad ENAtti akka himanitti, waggoota shanan darban keessatti omisha dammaaf xiyyeeffannoon kennameef jijjiramni damee kanarratti akka uumamu taasiseera jedhani.
Dameen kun hojii isaaf barbaachisan Gaagura ammayyaa fi teeknooloojiiwwan kanaan walqabatan bal’inaan raabsuun damicha babal’isuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedhan.
Kana hordofuun waggaa shan dura omishni damma Godinicha keessatti toonii kuma 5 hin caalleen gara toonii kuma 20tti ol guddachuu ibsaniiru.
Akkasumas qonnaan bultootaa fi lammiilee daldala dammaa irratti bobba’aniif akkasumas lammiilee omisha gaaguraa irratti bobba’aniif carraan hojii uumameera.
Godinicha aanaa Bachoo keessatti qonnaan bultoonnii fi waldaaleen kuma 8 ol horsiisa kanniisaa fi oomisha dammaa irratti bobba’anii hojjechaa jiru jedhan itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa obbo Tasfaayee Deebisaa.
Waajjirichi xiyyeeffannoo dhiheessii gaagura ammayyaatiif kenneen waldaalee fi qonnaan bultootaaf gaagura kuma 50 ol dhiyeessuu danda’eera jedhan.
Qonnaan bultoota misooma omisha dammaa irratti hirmaatan keessaa aadde Ayinaalam Geetachoo oomisha damma isaanii gaagura12’n kan jalqaban amma gara gaagura 50tti guddisuu himaniiru.
Omisha dammaa kana irraa maatii ittiin bulchaa jiraachuu eeruun, waggaatti damma kiiloo giraama 300 gabaaf dhiyeessuu dubbataniiru.
Dargaggoo Baashuu Abdurahmaan fi hiriyyoonni isaa waldaan gurmaa’anii omisha dammaa irratti milkaa'uu isaanii dubbateera.
Damee kanarratti cimanii hojjechuun carraa hojii uumuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Walumaagalatti qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa kuma 70 ol horsiisa kanniisaa fi omisha dammaa irratti bobba’anii jiru.