Pirojektoonni Godina Jimmaatti Ijaaraman Sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Pirojektoonni Godina Jimmaatti Ijaaraman Sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasiseera
Adoolessa 23/2018 (ENA): Godina Jimmaatti pirojektoonni deeggarsa Mootummaa fi hirmaannaa uummataan ijaaraman sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisuu isaanii Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir ibsan.
Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaaatti pirojektoonni ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru.
Pirojektoota ijaaraman keessaa kuusaa galtee qonnaa, Daandiiwwan , Riqicha, buufata fayyaa dhaloota lammaffaa, giddugala gabaafi ijaarsa Gamoo Bulchiinsa Aanichaa dabalatee kan biroonis ni argamu.
Bulchaan Godina Jimmaa Tijjaanii Naasir wayita sana akka jedhanitti fayyadamummaa bu'uura misoomaa hawaasaa mirkaneessuuf pirojektoonni saffisaafi qulqullinaan ijaaramanii akka xumuraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti pirojektoonni Mootummaafi hirmaannaa uummataatiin ijaaramani sochiin hawaasummaafi dinagdee akka saffisu taasisaniiru jedhan.
Godinichatti bara baajataa xumurame kanatti, baasii Birrii biiliyoona 5 tuqaa 1 oliin pirojektoota kuma1fi 876 ol ijaaramuu isaanii dubbataniiru.
Pirojektoonni kun gaaffii uummataaf deebii kan kennan ta'uu ibsaniiru.
Bulchaan Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Abdulkariim Abbaarayyaa gamasaaniitiin aanichatti bara baajataa kana keessatti baasii Birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarsi isaanii kan eegalaman pirojektoota 33 keessaa 23 xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uu ibsaniiru.
kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf banaa akka ta'an dubbataniiru.
Gaaffii misoomaa hawaasaa deebisuuf ijaarsi bu'uura misoomaa taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu jiraataa Aanaa Saqqaa Coqorsaa obbo Mahaammad Zeyyin Tammaam ibsaniiru.
Obbo Abdullaahii AbbaaJabbal gamasaaniitiin Aanichatti ganda Dooyyuu Qaacamaatti kan ijaarame kuusaa galtee fi bakki kuusaa kanaan dura galtee qonnaa argachuuf gara aanota ollaa deemuun yeroofi maallaqaa qisaasa'aa ture akka hambiseefii dubbataniiru.