Tamsaasa Kallatti:

Inisheetivonni Naannoon Oromiyaa jalqabe akkamiin jireenya lammiilee bu'uura irraa jijjiraa jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa sektara qonnaatiif kenneen bu’aawwan gurguddoon hedduun argamaniiru.
Inisheetivoonni qonnaa bara 2012 lakkoofsa quba harkaa hin caalleen kan jalqalaman yoo ta’u, yeroo ammaa kana baay’inni isaanii 33 gahaaniiru.
Inisheetivoonni kunniin qoodattoota, humnaa fi hariiroo oomishaa, gosaa fi ilaalcha oomishtummaa fi qulqullinaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduu danda'aniiru.

Inisheetivoota Qonnaa: Jireenya Lammiilee Jijjiiran



Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo guddaa sektara qonnaatiif kenneen bu’aawwan gurguddoon fi lakkoofsaan agarsiifamaan hedduun argamaniiru.
Inisheetivoonni qonnaa bara 2012 lakkoofsa quba harkaa hin caalleen kan jalqalaman yoo ta’u, yeroo ammaa kana baay’inni isaanii 33 gahaaniiru jedha ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa.
Inisheetivoonni kunniin qoodattoota, humnaa fi hariiroo oomishaa, gosaa fi ilaalcha oomishtummaa fi qulqullinaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduu danda'aniiru.



Piresidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka ibsanittis, "Jijjiirama dhabuun sektara qonnaa hawaasa keenya nuffii keessa galchuun kufaatii hamileetiif saaxilee akka turee fi garuu yeroo ammaa mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo sektara qonnaaf kenneen kuni seenaa ta’eera" jedhaniiru.



Biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uu qabdi kan jedhu ijjannoo qabachuun oomisha qamadiitiin addunyaaf fakkeenya taateetti.
Kanaan dura qamadii gargaarsa alaa irraa galchitu yeroo ammaa of irra darbitee gara biyyoota biroof erguu jalqabdeetti.



Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa guddaa oomisha qamadii fi wabii nyaataa mirkaneessuu wajjin walqabatu ‘Agronomist Award (Agri-Food Award)’ kan Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) irraa Bara 2016 A.L.I (bara 2024 G.C) keessa argachuun isaanii ragaa guddaadha.


Badhaasni kunis kan isaaniif kennameef imala inisheetiivii qamadii jallisiitiin Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti qamadii alaa galchuu irraa gara alaatti erguutti ceesisaniif; akkasumas wabii nyaataa mirkaneessuufi oomishtummaa qonnaa guddisuuf kutannoo fi karoora qabatamaa hojiitti hiikuu isaaniifidha.


Ragaalee Lakkoofsaa fi Inisheetivoota Ijoo naannicha keessatti inisheetivoonni bal'inaan hojiirra oolaa jiran kanneen gurguddoon ragaa lakkoofsaatiin akka itti aananatti dhihaataniiru:

Sadarkaa biyyaaleessaatti misooma qamadii idilee fi jallisii Bonaan, walakkaa jalqabaa bara 2018 akka lakkoofsa Itoophiyaatti (ji'oota jahan jalqabaa) keessatti oomishni qamadii idilee kuntaala miiliyoona 126.69 galmeessuu Ministirri Muummee Dhaabbachuun isaanii ni yaadatama.

Oomishni jallisii bonee immoo ammas sassaabamaa fi oomishamaa jiraachuu eerameera.


Gahee Gabaa: Oromiyaan oomisha qamadii biyya keessaa % 65-70 dhiheessuudhaan sadarkaa biyyaattis ta'e alatti dhiheessuu irratti gahee adda duree bahachaa jirti.



Inisheetiivii Misooma Ashaaraa Magariisaa


Baay'ina Biqiltuu Dhaabamee: Waxabajjii bara 2011 A.L.I kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yoo ta’u, yeroo jalqabaaf biqiltuuwwan biliyoona 4.7 dhaabaman.
Waggaa waggaadhaan dabalaa deemuun, barana guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, akka bara 2018tti immoo biqiltuuwwan biliyoona 8 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hanga ammaatti waliigala biqiltuuwwan biliyoona 47.6 ol dhaabamaniiru.
 

Misooma Kuduraa fi Fuduraa: Biqiltuu midhaan nyaataa akka Avokaadoo Hass (Hass Avocado) hektaara kuma 50 ol irratti misoomuun gabaa alaatiif dhihaateera.
 
Carraa Hojii Uumuu: inisheetiivii kanaan dargaggoota, dubartootaa fi qonnaan bultoota miiliyoona 1.5 ol ta'aniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumuu danda’ameera.



Damee Misooma Beeyladaa fi Horsiisa Lukkuu ("Maaddii Guutuu")


Oomisha Aannanii fi Foonii: Oomishni aannanii waggaatti liitira biliyoona 3 ol ta'u galmeeffameera; sangoonnii fi hoolonni kuma dhibba hedduun furdisamanii gabaaf dhihaataniiru.


Horsiisa Lukkuu: Killeen miiliyoona 250 ol fi oomishni foon lukkuu oomishamee gabaa magaalotaaf dhihaateera.


Carraa Hojii: Inisheetiivii beeyladaa fi lukkuutiin dargaggoota kuma 300 ol ta'aniif carraa hojii uumuun danda’ameera.


Inisheetiivii Misooma Kanniisaa:
Oomisha damma qulqullina ol'aanaa qabu waggaatti kiloograama miiliyoona 20 ol ooomishuun gabaa biyya keessaa fi alaatiif dhiheessuun danda’ameera.


Inisheetiivii Eegumsa Biyyee fi Bishaanii:



Biyyeen akka hin dhiqamneef daagaa kiiloomeetira kuma dhibba 1 ol hojjechuu fi haroolee uumuun bu’aaleen gurguddoon qabeenya uumamaa eeguu fi lolaa ittisuu irratti argamaniiru.


 

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015