Bara baajata 2018tti Sirna Bittaa Elektirooniksii Mootummaatiin birrii biiliyoona 597 oliin bittaan raawwatameera - ENA Afaan Oromoo
Bara baajata 2018tti Sirna Bittaa Elektirooniksii Mootummaatiin birrii biiliyoona 597 oliin bittaan raawwatameera
Adoolessa 23/2018 (ENA): Bara baajataa xumurame kanatti sirna bittaa elektirooniksii Mootummaatiin birrii biiliyoona 597 ol kan ta'u bittaa raawwachuu Abbaan Taayitaa Bittaafi Qabeenya Mootummaa ibse.
Abbaan Taayitichaa raawwii bulchiinsa bittaafi qabeenya mootummaa bara baajataa 2018 fi karoora bara 2019 irratti hoggantoota dhaabbata barnoota olaanoo waliin mari'achaa jira.
Sirna kana irratti Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dabalatee pirezidaantoonni dhaabbata Barnootaa Olaanoo fi hoggantoonni hojii argamaniiru.
Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Masarat Masqalee yeroo kana akka ibsanitti, Abbaan Taayitichaa sirna bittaa mootummaa, bulchiinsa qabeenyaafi adeemsa gurgurtaa sirna elektirooniksiin bulchuun jijjiirama Itiyoophiyaa dijiitaalaatiif gahee ijaarsaa bahaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara baajataa 2018tti dhaabbata Mootummaa Federaalaa 172 fi dameewwan isaanii 196 sirna bittaa elektirooniksii mootummaa fayyadamuu isaanii ibsaniiru.
Sirna kana irratti galmaa'uun dhaabbanni oomishaafi tajaajila kan dhiyeessan lakkoofsi isaanii kuma 135 ol ga'uu eeraniiru.
Sirni bittaa elektirooniksii kun yeroo yeroon fooyya'insi taassifameefii fayyadamuuf kan mijate, iftoominaafi gaafatamummaa kan mirkaneessu ta'aa dhufuu dubbataniiru.
Kanaanis bara baajataa 2018 xumurame kana keessatti sirna bittaa elektirooniksii mootummaatiin birrii biiliyoona 597 olitti tilmaamamu bituun raawwatamuu ibsaniiru.
Sirni bittaa kun dhaabbata Federaalaarra darbee Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojiirra ooluu isaa hubachiisaniiru.