Omishaa fi Omishtummaa Qonnaa dabaluuf qindoominaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Omishaa fi Omishtummaa Qonnaa dabaluuf qindoominaan hojjetamaa jira
Adoolessa 22/2018 (ENA): Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti Omishaa fi omishtummaa Qonnaa dabaluuf qonna gannaan Kilaastaraan misoomni Xaafii hojjetamuu itti fufe jira.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa Facaasan Xaafii kilaastaraan bakka hoggansi Godinaa, Aanichaa fi ogeeyyiin qonnaa argamanitti Aanichatti ganda Addisaalam Yaayyaatti facafameera.
Bulchaan bulchiinsa Aanaa Darraa Obbo Masfin Taayyee wabii midhaan nyaataa Mirkaneessuufi egeree biyyaa Diinagdeen ijaaruf kilaastaran facaasuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluun galteewwan qonnaa fayyadamuun makanaayizeeshinii qonnaa hojiirra Oolchuun Oomishaafi Oomishitummaa qonnaan bulaa guddisuun murteessaa ta'uus himaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Shawaa Kaabaa Obbo Lammaa Dasaa saganticharratti argamuun akka jedhanitti, Kilaastaraan facaasuun Qonna ammayyeessuun karaa bu'a qabeessa ta'een Oomishaafi oomishtummaa dabaluufi Sanyii baay'isuun jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu keessatti gahee guddaa qaba jechuu ibsaniiru.
Fayyadama sanyii filatamaa, teeknooloojii qonnaa ammayyaa, sirna jallisii fi mala qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuun oomishni dabalee galiin mootummaa fi Qonnaan bulaa akka fooyya'u ni taasiisaa jechuun himaniiru.
Itti Aanaa Bulchaafi Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Darraa Obbo Muhammad Saxxaw Qonna Amayyeessun Oomishitummaa qonnaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himuun qisaasama qonnaa hambisuuf makanaayizeeshinii Qonnaa hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu himaniiru jechuun waajjirri koomunikeeshinii Godinichaa gabaasera.