Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti Misooma Qonnaafi Kunuunsa Qabeenya Uumamaatiin milkaa’ina argame itti fufsiisuuf tattaaffiin qindaa'aan taasifamaa jira

Adoolessa 22/2018 (ENA): Naannoo Harariitti misooma qonnaafi hojii kunuunsa qabeenya uumamaatiin milkaa'ina argame itti fufsiisuuf tattaaffiin qindaa'aa taasifamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantiifi Hoggantuun Biiroo Qonnaa Naannichaa aadde Roozaa Umar ibsan.

Naannichatti waltajjiin marii raawwii karoora misooma qonnaa bara 2018fi karoora hojii misooma qonnaa bara 2019 irratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Marii kana irratti kan argaman Itti Aantuun Pirezidaantiifi Hoggantuun Biiroo Qonnaa naannichaa aadde Roozaa Umar, naannichatti oomishaa fi omishtummaa dabaluun hirkattummaa jalaa ba’uuf tattaaffii taasifamaa jiruun bu'aawwan qabatamoon galmaa'aa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu aanaalee baadiyyaatti hojiileen misooma jallisiin raawwataman omishaafi omishtummaa guddisuun sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisan ta'uu eeraniiru.

Sagantaa Maaddii guutuun bu’aawwan beelladaa akkasumas kuduraa fi muduraan irratti tarkaanfiin guddaan kan argame ta'uu ibsaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa kunuunsa qabeenya uumamaan olitti bu'uura wabii nyaataa ta'uu isaa kaasuun, bara baajata qabame kanattis haala cimina qabuun kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.

Hojii misooma qonnaafi kunuunsa qabeenya uumamaatiin milkaa'ina argame itti fufsiisuuf tattaaffiin qindaa'aa taassifamaa jiraachuu ibsuun, kunis cimee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru.

Daarektarri Karooraafi Hordoffii Biirichaa Obbo Milkeessaa Ahimad, bara baajatichaatti oomishtummaa dabaluun fayyadamummaa qonnaan bulaa kan mirkaneessan hojiileen bal'aan raawwatamuun bu’aan argamuusaa ibsaniiru.

Misooma midhaanii,muduraa fi kuduraa akkasumas sagantaa maaddii guutuun kanneen milkaa'inni itti galmaa'an ta'uu eeraniiru.

Hirmaattota waltajjii marichaa keessaa ogeessi qonnaa obbo Masaay Silaashii, naannichatti oomishtummaa qonnaan bulaafi fayyadamummaasaa fooyya’insa olaanaa agarsiisuu isaa kaasaniiru.

Marii kana irratti hojiilee misooma qonnaa bara baajataa 2018 hojii jajjabeessaa raawwataniif Waajjira Qonnaa Aanaa, ogeeyyii qonnaafi qaamota birootaaf beekkamtiin kennamera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015