Tamsaasa Kallatti:

Piroojektii jallisii Calcal xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuuf hojjetamaa jira - Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii

Adoolessa 23/2018 (ENA): Piroojektii jallisii Calcal xumuruun hojiitti galchuuf hojjetamaa akka jiru Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Hoggantoonni ministeerichaa fi ogeeyyiin miidiyaa adeemsa ijaarsa pirojektii jallisii Calcal Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Bahaatti ijaaramaa jiru daawwataniiru.
Piroojektichi sababa hanqina dandeettii kontiraaktaraa fi jijjiirama dizaayiniitiin harkifatus, amma hojiin ijaarsaa deeggarsa teeknooloojii ammayyaa fi bakka bu’iinsa kontiraaktara haaraatiin eegalameera.

Akka Ashannaaffii Likkaasaa, hojigaggeessaa(Manaajara) Waajjira Sagantaa Pirojektoota Jallisii Ministeerichaatti; Piroojektii jallisii Calcal xumuruun hojiitti galchuuf deeggarsaafi hordoffiin kallattiin taasifamaa jira.

Ijaarsi Pirojektii Jallisii Calcal bara 2012 eegalame dhuma bara baajata 2018tti xumuramee tajaajilaaf dhiyaachuuf karoorfamee ture, garuu rakkoo dizaayinii fi dandeettii kontiraaktarootaa daangeffameef harkifachuu isaa yaadachiisaniiru.


Piroojektiin jallisii kun jalqaba sadarkaa jallisii gadi aanaa ta’een ijaaruuf karoorfamee ture ta’us, dandeettii misoomaa fi sadarkaa isaa guddisuuf fooyya’iinsa dizaayinii taasifameen yeroo muraasaaf ijaarsi akka dhaabbate hubachiisaniiru.
Rakkoo dandeettii kontiraaktaraa daangeffame waliin walqabate irra aanuuf kontiraaktariin jiru addaan citee kontiraaktariin damee kanarratti muuxannoo fi dandeettii qabu hojii kana akka itti fufu eeyyamamuu isaa eeraniiru.


Pirojektiin Jallisii Calcal lootii lamatti qoodamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, tokko ijaarsa hidhichaa yoo ta’u, inni kaan ammoo ijaarsa sulula jallisiiti.
Itti dabaluunis hojiin sululaa lafa heektaara kuma 4 fi 145 misoomsuu danda’u guutummaan guututti xumuramuu fi hojiin hidhaa harkifate xumuramee hojiitti galuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana ijaarsa pirojektichaa gaggeessaa kan jiran Manaajara Piroojektii Kontiraaktara Waliigalaa Alamaayyoo Katamaa kan ta’an, Injinar Baahiruu Fiinoo akka jedhanitti, pirojekticha qulqullinaan xumuruuf humna keenya hundaan hojjechaa jirra jedhan.

Rakkoon dizaayinii guutinsa pirojektichaa fi maashinaa mudatee ture furamuun hojiitti galamuu eeruun,hojiiwwan hafan xumuruuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Raawwiin pirojektichaa yeroo ammaa dhibbeentaa 50 xumuramuu kan ibsan Injinar Baahruu meeshaaleen hidhichaaf barbaachisan baay’ina gahaa ta’een qophaa’uu isaanii fi bara bajataa 2019tti akka xumuramuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Piroojektiin Jallisii Calcal naannoo Oromiyaa Godina Baalee Bahaa aanaa Raayituutti naannoo roobni gadi aanaa jirutti ijaaramaa kan jiru ta’uu himameera.

Piroojektichi yeroo xumuramu lafa heektaara kuma 4 fi 145 misoomsuun qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma saddeet ol fayyadamoo taasisa jedhamee eegama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015