Mariin Biyyaalessaa Carraa Seenaa Keessatti Argamee, Biyya Waloo fi Nageenya Waaraa Ijaaruuf Dandeessisudha - Dr. Biraanuu Leenjisoo - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Carraa Seenaa Keessatti Argamee, Biyya Waloo fi Nageenya Waaraa Ijaaruuf Dandeessisudha - Dr. Biraanuu Leenjisoo
Adoolessa 23/2018(ENA) : Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru biyya waloo, tasgabbii fi nageenya waaraa qabdu ijaaruuf carraa guddaa seenaa keessatti argame ta'uu Oggeessi Saayinsii Hawaasaa Dr. Biraanuu Leenjisoo ibsan.
Dr. Biraanuu Leenjisoo ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, biyyi tokko kan ijaaramuu danda'u marii fi waliigaltee lammiilee fooyyessuun waan ta'eef, adeemsi kun bu'uura cimaa ijaarsa biyyaati jedhani.
Itoophiyaa keessatti aadaan marii fi wal dhaggeeffachuu kan hin guddanne ta'uu kan eeran Dr. Biraanuun, seenaa siyaasaa darbe keessatti wal-amantaa fi garaagarummaa keessatti furmaata waliinii barbaaduu caalaa walitti bu'iinsatu baay'inaan calaqqisaa ture jedhaniiru.
Kanaafuu, jalqabbiin aadaa marii kanaa guutummaan guutuutti rakkoo hunda yoo furuu baateyyuu, marii jalqabuun mataan isaa injifannoo fi milkaa'ina guddaa akka ta'e eeran.
Komishinii Marii Biyyaalessaatiin dhimmoota seenaa fi ajandaa dhiyaatan irratti mari'achuu fi uummata gara waliigaltee walootti fiduuf adeemsi taasifamaa jiru kun haalaan barbaachisaa dha jedhaniiru.
Biyya mariin keessatti hin dagaagiinii fi waliigaltee uummataatiin hin ijaaramiin keessatti sirna dimookiraasii bu'uureessuuf adeemsi marii kun mataan isaa bu'aa guddaa ta'uu fi wal-hubannoo waloo uumuu irratti gahee murteessaa akka qabu himaniiru.
Itoophiyaan biyya sab-daneessaa, aadaa-daneessaa fi afaan-daneessaa ta'uushiitiin, uummatoonni biyyattii dhimmoota ijoo irratti waliigaltee waloo uumuu fi waan waloo tokko wajjin ijaaruun murteessaa akka ta'e eeraniiru.
Yeroo amma kana rakkoolee jiran hiikuun kan danda'amu mari'achuun malee akka jaarraa 19ffaa humnaa fi afaan qawweetiin ijaarsa biyyaa itti fufuun akka hin danda'amne Dr. Biraanuun hubachiisaniiru.
Rakkoolee fi wal-waraansa seenaa waggaa baay'ee ture hundee irraa furuudhaan biyya tasgabbii, nageenyaa fi misooma qabdu fiduuf jalqabbiin marii aadaa godhachuun amma jalqabame abdachiisaa ta'uu dubbataniiru.
Mariin biyyaalessaa kun adeemsa isaatiinuu bu'aa guddaa kan qabudha; sababni isaas Itoophiyaa keessatti wajjin gadi taa'anii dubbii hiikuun aadaa waan hin ta'iniif, aadaa marii jalqabuun waan guddaa ta'uu himaniiru.
Hanqinaaleen gara garaa mul'atanis, jalqabbii kana xiqqeessanii ilaaluu osoo hin taane, muuxannoo irraa argachaa fi hanqina jiran hiikaa deemuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.
Ijaarsa biyyaa keessatti hayyoonni siyaasaa wajjin gadi taa'anii mari'achuun, mul'ata waloo kaayyachuufi biyya eenyummaa lammiilee wal-qixxummaatti bakka bu'u ijaaruu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.
Seenessi biyyattii seenessa gara tokkotti qofa deebi'ee osoo hin taane, seenessa uummattoota biyya kanaa wal-qixxummaan calaqqisiisu ta'uu danda'uu qabas jedhaniiru.
Jalqabbii marii kana kunuunsuudhaan, rakkoolee fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessaa deemuun biyya tasgabbii fi badhaatuu ijaaruun ni danda'amas jedhaniiru.
Itoophiyaa keessatti abdiin marii biyyaalessaa irratti kaa'ame guddaa waan ta'eef, dogoggora malee waan hundumaa raawwachuuf eeguu caalaa, yaalii fi adeemsa keessa sirreessaa deemuun amala marii ta'uu akka qabu dubbataniiru.
Aadaa siyaasa wal-mari'achuu hin baratamne keessaa gara marii fi wal-dhaggeeffachuutti ce'uun adeemsa barumsa guddaa biyya fayyadu ta'uu himaniiru.